seenaa kutaa duraa kan

SHEEKH MUHAMMED RASHAAD KABIIR ABDULLEE

KABIIR MUUMMAYYAA

    DHALOOTA KIYYAA :

Ammoo taariikhni dhaloota kiyyaa akkan harrigutti bara kum tokkoofii dhibba sagaliifii soddomii afuri akka taariikha faranji`itti yaroo xaaliyaan harar seenuu jalqabde yaroo san hoggaa ashkara xalyaana duraa kara`arraa baqatu`uu yaanu abbaan kiyya kabiir abdullee kabiir mummayyaa umar jaarraa jiloo dirba aleeloo mayyuu limmoo gurmu`urrattti naan deema kan hogiin lafa na kaayanii miila kiyyaan deemu duuba akkan seyutti yaroo san bara afur gayuu hin oolu haati tiyya faatima abbaan kiyya abdulle`eeti .

Warri keenya gama abbaadhattin warra diinii imamman biyyaati sheekh aaw aliifii abbaan kiyyaa dubriidhaa

Ammoo gara haadhatiin hayyoota biyyaati abbaan haadha tiyyaa nama heera irraa baru`uu warri biyyaa itti fe`atuu inni gosa gaamotii akkaan umrii dheerate kan dhibbaafii soddomii ol gaye kan ayliin isaa hin tuqamin du`ani isaa hoggaa hunda { yaa hafiiz yaa salaam sallimnaa minal balaa } jechuu wannin isarra qabadhe kan gorsa naaf taye { nama suuta deemu qoreen suuta waraanti } jechuu maqaan shurra ahmed yuusuf haati tiyya faaximaa shurraa ahmed .

 BARMOOTA KIYYA KAN DURAA

Barmoota kiyya kan duraa abbaa kiyya kabiir abdullee kabiir muumay-ya`arrattiin baradhe alifirraa qabee waan abbaan kiyya kabiir biyyaa tayeef . abbaan kiyya rabbi rahmata haa godhuufii kan gargaarsatti haajamu kan na malee nama isa garsaaru hin qabne kan dubra shan keessaa dhiirti ana qofaa kanan guddadhee isa gargaaruu jalqabe buna dhaabu`uufii lafa qotu`uufii mana jaaruu mawlida qara`uufii waan kana fakkaataa hundaan isaaf dhaabbatuu gaye narraa maaramee deemii waanan an si barsiisuu hin dhaqqabne fagaadhuu ilmi`ii si kennee baradhu naan je`ee na eebbise duuba isaanirraa fagaadhee waa baratu`uuf hirna dhaqe . duuba hirnatti sheekh aliyyii badru`urratti ilmii fiqhi`ii jalqabe wannin dura dursoo isaanitti qajeelef adeera kiyya sheekh muusaa untur isarratti qara`e an { mukhtasara } sheekh muusa`arrattin qara`ee duuba isaa sheekha isaa sheekh aliyyii badruu faarsu dhageenyan qalbiin gara isaanii gara na galtee hirna dhaqee fiqhii isaanirratti jalqabee baafadliifii umdaa isaanirratti qara`e tawhiidarraa ummulbaraahiin nuuruzzalaam irratti qar`ee eegasii biyya sheekh muhammed jaldii { dhidhiibama } dhaqee ilma isaanii sheekh ahmad sheekh muhammed jaldi`irratti zubad qara`ee eegasii biyyatti ol deebi`ee sheekh ibraahiim bakharraa { tawshiiha qara`ee haadhaa abbaa kiyya irraa hanga bara diiddamaa alan deemaa eehama naa khennaa je`eenii barbaadee duuba aayyun odoo boochuu eehama naa kennite  kan ijaan na laaluu hin dandeenye ammoo aabaan duraanuu iznii naa godhe akkasitti isaan biraa deeme abbaan kiyya hoggaa san galma sheekh umaree aaw`aliiti ajjeeru`utti jiraa manuma gubba`aa gad na laalaa harkafuudhu hin dhaqqabne isaan hangan ana kaarra qaaru manuma gubba`aa na laalu duuba eega bara afurtamaatii malee waliin agarre akkasittin biyya teenya laga arbaatii bakha dhaqee qabrii sheekh ismaa`iiloo bakhaa saahiba ammallee sheekha akhaakhiyyee kiyyaa waliyyii rabbii kan akhaakhiyyee khiyyaa du`aa`ii godhee ilma ilma  keetii keessatti na eegi je`een duuba qabrii isaa ziyaaree intala isaanii tan sheekh ahmed yuusufe`ee irraa du`etti wannin dhaame akka kitaabban abbaan isaanii sheekh ismaa`iloon allafe takkaayuu barreesse tiysii baduu dhoowwi je`een hoggaa san ilma obboleessa isiitifii ilma indooyyee yookaa haboo tiyyaatu na wajji jira duuba eegasii baabura hadiidaa yaabbannee harar dirrii dhawaa dhayne eegasii addeellee sheekh muhammed rashaad saahiba sheekh muusaa addeelle`ee bira dheyn`e eegasii madiinaa harar dhayn`ee qabrii abaadir ziyaarree ammalee qabrii sheekh haashim harari`ii ziyaarree akkasuma qabrii sheekh ibraahiim umar gurbayyee ziyaarree qabriin isaanii abaadir duuba jirti saahiba isaanii tokkootu itti nu qajeelchee sheekh ibraahiimin kun haadha tiyyaaf abaabiyyee taya inni carcaritti dhalate qabriin abbaa isaa khaara barkallee madii bakka khaarra gurbayyee jecha`aan beekhamte jirti khaarritti barkalleetifii khaarritti gurbayyee bakkuma takka isii hoggaa eel tokkerraa gara carcar deeman itti dhufan hoggaa khaarra barkalle`erraa gad bu`an kharaan bakka sadiyitti addaan baya tokko bitaa gara saqa jiillee gora tokko mirga gara habro`oo gora duuba qabriin umar gurbayyee karaa kana keessa jirti ammoo karaan jiddu jereysaa qajeeletuma haratti nama geessa duuba umar gurbayyee kun ilmaan kudhan qaba inni ashraafarraayii ilmii jaalata ilmaan isaa kurnanirraa ilma isaa ibraahiim deemee harar dhaqee haa ilmii baratuu je`ee zakaa kennate akkasitti ilmi isaa ibraahiim joollee itu`uu heddu`uun wajji barmootaf magaalaa harar dhaqan duuba isaanii achi jiru amaarri itu`utti duule jechaa dhagayan dhageenyan darasaan itu`uu amaaran loltee ummata isaanirraa deebisu`uu jecha ilmii dhiisanii biyya itu`utti qajeelan sheekh ibraahiim umar gurbayyee malee ammoo sheekh ibraahiim abbaan kiyya ilmi`iif zakaa na baafatee ilmii hin dhiisu je`ee magaalaa hararitti hafe hanga aalima tayee qeessota amantii kiristaanatiin fuula iyyaasu`uu duratti qabsoo ilmi`ii walii bayanii sheekh ibraahim qeessota hundarraa aane liji iyyaasun harka isarratti amanee waliyyumma`aan beekkametti duuba ilmii baassee gaara beekkomsaa bahara ilmii tayee harar keessatti ilmi`iifii karaama`aan beekkamee sababaa isaatin mootin islaamaa liji iyyaasun islaamaye . qabriin isaa qabrii abaadir duuba jirti magaalaa harar keessa nama muriida isaanii kan harka isaatin isaan awwaallee maqaa irratti katabeetu na garsiise eegasiin an khortoo biyya sheekh abuu bakri usmaan oda`aa kan sheekh abuu bakri saphalootin beekkame bira dhaqee ilmii awfaaqatiifii manxiqaa ammallee ilmal hisaab irratti  jalbee waan isaan khaliifaa sheikh umar aliyye`ee tayaniif xariiqaa qaadiriyya`aa irraa fuudhe eega khalwaa na seensisanii eegasii sheikh yuusuf ahmed bareedarratti fadisitti qaraatii jalqabee minhaaj nawawi`ii irratti qara`e

HAJJI`IIFII ZIYAARAA NABII NAGEENYI  ISARRATTI HAA JIRAATUU

Duuba odo`on fadis jiruu wannin ifiin je`e odoo deemtee makka dhayxee hajji gootee madiinaa dhayxee nabi Muhammed nageenyi isarratti haa jiraatuu hin ziyaarin yoo duute guyyaa boruu maal himatta ? maaltu sanirraa na dhoowwe jetta je`ee garaan na kaase . duuba ka`eetin mandara harar dhaqee qabrii abaadir ziyaaree akkasuma qabrii aw haashim ziyaaree akkasuma qabrii akaakiyyee kiyyaa kan gamaa haadha tiyyaa shariif sheekh ibraahiim umar gurbayyee ziyaare .

Harar keessatti sheekha tokko kan muriida sheekh ibraahiim umar gurbayyee tokkoon qunname

Waan ajaa`ibaa kanin magaalaa harar keessatti argarraa namni tokko kan yoo laalte maraataa fakkaatu wanni naan je`e hajji dhaqi hajji dhaqi an gaafas sinqii yookaa gala hajji`iin dhaqu hin qabu ammas wannin sheekkota hararirraa dhagaye { bishu diimu jechuun  bi`saddamu jechuu namni maqaa kana baasef aw abaadir je`an sun gaafa burtugaal hararatti duulte abaadir ashkara fudhatee bisho diimotti afaan bayee cabsee dhiiyni kuffaaraa laga yaa`e hoggaa san dhiiga san laalee aashkara isaatin bi`sa haazaaddamu je`e achirraa biisho diimotti arrabni namaa gara galche .

WAAN BIYYARRAA DHAQU`UTTI NA KEESERRA TOKKO

Ammas waan biyya arabaa na geessarraa tokko gaafan biyya harar keessa olii gad deemu ashkarri mangistii sanii kan karaa eegu nu sodaachisee nu arrabsee karaa dabruu nu kuta sanirratti ida`amee sareen isaanitis karaa dabruu nu kutti gaafan joolle`ee ummanni gosa mangistii sanii horii isaanii ooyruu teenyatti qajeelchanii midhaan nurraa nyaachisan gaaf tokko horiin isaanii midhaan keenyatti jigee nyaannan tumee ooyruu keessaa yaase duuba haati horii sanii caya`aa dhuftee qottoo gama duubatiin hanga dandeessu mataa kiyya sammuu keessa na dhooyte duuba abbaan kiyya gadoo yookaa haluu yookaa biiluu irraa naa baasuu hin dandayu maalif abbaan lafaa isaanirraayi ashkarri gosa isaanitti gosa isaanillee tayuu baatu afaan isaanitti dubbata duuba kana hundaa jechaan sare`eefii ashkara isaanillee jibbe tanaaf jechaan gaafan biyya arabaa deemu`uu ka`e ilma indooyyee tiyyaatin mariyadhee wannin je`een biyya arabaa dhayne`eeti saa`aa bitannee gaafa san waan nuti magaalaa hin dhayna`eef waan saa`an biyya teenya jirtu hin seenu keessattuu saa`an ashkaraa ammas bombi bitanneeti biyya teenyatti deebinee nu lamaanirraa tokko bombii ashkara mangisti`ii kan mandara ciroo keessa jirutti darbee nu lamaanirraa tokko ashkara mangisti`ii kan harar jirutti darbee saa`aa takka keessatti kana hunda dalaynee ashkara isaanii lafarraa fin`ee nagayaan karaa dabarree nagayaan jiraanna je`een gaafas beekkomsi keenyi xiqaa tayuu keessa waan ashkarri hangas malee bakka biraa jiru hin seenee ammas waan bombiin biyya arabaa malee biyya biraa jirtu hin seene

MAGAALAA HARARII AMNA JALQABUU

Akkasitti magaalaa hararii kaanee kan sinqii waa xiqqo malee hin qabne karaa jijigaatin awbareen zeyla`iin gaafas aw barreefii zeyla`I harka ingiliiz jirtii ziyala`ii baanee jibuutii harka faransa`aa jirtu seenne . miilan dhoysa`aan halkan keessa .

ODUU SAFAARAA HABASHA`AA

TA JIBUUTII JIRTU

Duuba waan baasaboortii harkaan qabneef safaaraa habasha`aa ta magaalaa jibuuti`ii keessaa jirtu dhayn`ee safaara`aan baasaboortii nuu kenni biyya arabaati dhayn`aa jenneen jennaanin tuyuu boqqolloo abbaa keessaniin wajji qotaa nuun je`e  jennaan boqoolloo qotu`uuf warri hafee ni gayaa jenneen karaa kanaan waan kaan ifirraa nu deebisuu ijibbaannan safiirri wanni nuun je`e yoo biyya arabaa dhayxan arabni isin khulaaseti gabra isin godhata nuun je`e jennaan arabni gosa nabii keenyatii nageenyi isarratti haa jiraatuu nu miidhaa hin yaaadin je`een hoggaa san namni soomaale`e kan safaaraa habasha`aa keessa dalagu tokko harka nu qabee safiira biraa nu baasee qaadii jibuuti`ii kan { saqqaaf } je`amu bira nu geessee dhaamsa gargaarsaa warra yamanitti katabiif je`eenii qaadichi dhaamsa nuu katabe dhaamsi inni nuu dhaame wanni je`u jarri kun habasha`arraa deemaa hajji`itti yaa`anii waan dandeessaniin gargaara`aa dubbii isaanii laaffisaa jechu` .

JIBUUTI`IRRAA DOONII YAMANITTI YAABBATUU

Akkasitti warra jibuuti`irraa sinqii waan dooni`iin yaabbannu argannee doonii jibuuti`irraa hanga ganda { dabaab } je`amu kan qarqara yamanirraa  jirutti yaabbanne haa tayuu odoo ganda san hin gayin abbaan dooni`ii waan nuti baasaboortii hin qabneef qarqara baharitti nu buuse bakkeen inni nu buuse bishaan isi`ii gad dheera`aa miti bishaan bahara nu liqimsuu gaye haa tayuu nu daddarbanii qarqara bishaanitti nu baasan haa tayuu huccuun { daboo } je`amtu tan qoqqobbaa meeqaatam qabdu tannin bara meeqaatam uffadhe bishaan bahar seenee harkisee harkisee keessaa baasuu dadhabee bahara keessatti dhiise akkasitti nuti nama afur ni geenyaa tokko soomale`ee tokko arusi`ii lama ituu carcarii odoo qarqara baharirraa yaanuu maghriba ganda yaman kan baharirraa jiru kan { dabaab }  je`amu seennee bullee ganama magaalaa sanii baanee , karaa ganda yaman { huseniyyaa } nu geessu yaa`utti seenne .

ASHKARRI  YAMAN KAN KARAA EEGU

Ashkarri yaman kan qarqara baharaa eegu nuu yaa`u argee tulluu ilaalaa gubba`aa nutti bu`ee eessaa biyya teenya seenu`uu yaatan biyya timiraa yaatan nuun jennaan habasha`arraa yaana jenneen  jennaan baasaboortii kennaa je`an jennaan mangistiin teenya nama akka keenyaa kanaaf baasaboortii hin keenitu nuti warra biyya kessatti waa baratuu turee mangistiin habasha`aa warra islaamaa kan biyya alatti waa baratu`uu deemuf baasaboortii hin kennituu namni islaamaa kan biyya alatti waa baratu hundi dhoysa`aan biyyaa bayanii diin islaamaa baratan . azhariifii beytazzabiid fa`atti kan yoo baratanii deebi`an dalagaa mangisti`ii hin arganne yoo diin islaamaa ganda keessatti barsiisuu taate malee yoo inuu hidhamanii hin ajjeefamin waan iznii malee biyyaa bayanii waa barataniif jennaanin mootin keessan haylasillaasse`ee nuun je`an hoggaa sana mootin keenya haylasalaasee tayuu didda`aaf manzuumaa takka tan halasillaasin keenya nabi Muhammed malikiin addunya`aa nabi muhammed jettu irratti qara`e gaafas manzuuma`an hedduu qara`aa manzuuman sun afaan arabaatin akki jettu .

Malikilwajuud heylasilaasinaa ** yarasuulallahii yaa manba`alhanaa

Ashkarri yaman hoggaa san dhagayu akka mootin keessan malilik eegasii haylasilaasee taye beynee isin gad dhiifnaa maalaqa kennaa je`an hoggaa san oow`atu natti jiraa lolee si nuti biyya kuffaaraa warra nu gabroonfatu biraa isinitti dhufnee bitti islaamaa biyya teenyaa yaannaa inumaa maallaqa kennaa nun jettanii nuti nu gargaartanii isinirraa khajeellaa isin horii nurra barbaaddanii je`een duuba achitti yaanni biyya arabaa dhaqeetan saa`afii bombi bitadhee deebi`ee cunqursaa dhawaan mataa keessa qabu arabni waan teenyan qabuu arge namuu biyya ifiiti tiyfataa arge yaada kiyya xiqqaadhan duuba xalayaa qaadin jibuuti`ii { saqqaaf } nuu barreesse tan jara kana gargaara`aa karaa dabarsaa jettu garsiifnee nu gad dhiisan akkasitti ta`izirraa mayna`aa magaalaa { huseyniya`atti } qajeellee seenne .

MANDAROOTA BIYYA YAMAN

Achirraa magaalaa zabiid seenne magaalaa zabiiditti  wannin arge warra dukkaana seene waan akka sukkaraa diimaa bitatee afaanitti naqatee bayu duuba sukkara biyya yamani je`ee hanga namnin arge bitee afaanitti naqatu takka anis bitee afaanitti naqadhe naqannaan onnee na dhayee lafaan na dhaye hogga`an bayyaanadhu abbaa dukkaanatiin siitu summii na nyaachise je`ee qabnaan naa mitii siitu waan hin beynetti seenee if miidhe naan je`e warri waan san nyaatu hoggaa afaanitti naqate garii liqimseeti garii tufaa wanni inni tufu udaan lukku`uuti fakkaata tanaaf jecha karaadhafii dirreen mana biyya sanii waanuma lukkuun udaan itti hayde fakkaatti akkan siyutti wanni sun haraami odo`on maqaa isi`illee beekhuu baadhee keessattu nama amma isii nyaatuu jalqaburratti haraami . ammas masjida guddaa mandara zabiid kan mazhabni afaran keessatti qara`amuu ture kan onee adari`iifii shinbirroon biraa keessatti horte . gaafni sun { 1951 } duuba achirraa beytalfaqiif achirraa zubeydaa seenne zubeydaa keessatti wannin arge darasaa sheekharratti kitaaba qaraatu kanniin jecha inni hiikkuf hundarratti rahimakallaahu rabbiin rahmata sii haa godhuu je`anii du`aa`ii isaaf godhanan arge achirraa magaalaa mansuuraa achirraa mandara hudeydaa je`amu seenne hudeydan dikkaa yookkaa miinaa magaalaa san`aadhaa kan gaara keessa jirtuuti

MANDAROOTA BIYYA SU`UUDI`II

Hudeyda`arraa jiizaanitti qajeelle haa tayuu magaalaa hin seennee irraa mayn`ee ganda huseeniyyaa je`amu kan biyya su`uudi`itti qajeellee seenne ganda san orma gurraachatu qubata ganda san keessatti nama arabaa kan shariifaa je`aniin agarree bira qubanne namni sun wanni nuun je`e na biraan deeminaa dubra gabraa gugurraacha kanan isinitti fuudhaa jennaan ilmi indooyyee tiyyaa aaree biyya teenyattuu bilisa diddiimtuu fuunaa biyya arabatti gabroota gurraacha natti fuutaa je`een inni diima`aa akkuma kiyya narra joolle`e malee akkasitti aaran ganda saanirraa baane shariiftichi imaama ganda sanii sun kitaabni { tashiilulmanaafi` } je`amu kan xibbi`ii ammallee manzuumaa molida`aa narraa hanbise su`uudin kitaaba akkanaa hin feetu je`ee . achirraa karaa baddaa hijaaz qabbanooytuu tan akka { baaha`aa } abha`aa keessa yaa`aadhaa xaa`if dhayne anaafii ilmi indooyyee tiyaa . kana hundaa miilan kophee malee sinqii malee yaane gammoojjii yookkaa barahaa yaman tan oow`aaf halkan malee guyyaa yaa`uu hin dandeenye biyya bofaafii bineensaa keessa yaa`aadhaa biyya adda addaa keessa rakkoo adda addaa mudata`aa xaa`if seenne rakkoo sanirraa gaaf tokko halkan baadiyaa su`uudi`ii keessa odoo yaanuu warra baadiya`arraa namni tokko nutti bayee nu qabe nu qabnaan nuti musaafiraa habasha`arraayii makkatti yaanaa nu dhiisi jenneen haa tayuu horii kennitan malee je`ee nu gad lakkisuu dide horii waan harkaa qabnu ni kennineef ammas huccuu baafadha`aa kennaa je`e hoggaa sanan dirmachuu rabbi malee wanni nu dhaqabu hin jiruudhan qooqa ol fuudhee { yaa arhamarraahimiin uhkum banyan wa bayna haazarra jul } je`e hogga`an akkana je`u namichi rifateeti isaa hollatu waan nurraa fuudhe hunda nuu deebisee yaa`aa nuun je`e yaroon halkan gama boodatii akkasitti nuu karaan beeyne bosona keessa yaa`aadhaa bulle gandarra goruu sodaadhaf ganda arabaa kan biyya yaman gariidharraa wanni agarre arjummaa daangaa hin qabne keessattu keessummaa guddisus biyya gaari`irraa wanni argame kheessummaa tabbarraa takkaa mana fooqii gubbaa tattaa`aniiti eegan duuba hoggaa nama karaa yaa`u argan itti wal duggoman duuba kan dura bira gayeetu kheessummeessa haa tayuu ati khalee kheessummaa argattee ar`a keessummaa tana naa dhiisi waliin je`aniiti wal khadhatan duuba yoo nama hedduu taate adda qoodatan .

JAALOTA KIYYA LAMAAN

Jara afran biyya yaman wajji seennerraa tokko zabiiditti nu jalaa hafe qabrii abbaa soomale`ee ismaa`iilal jabartii ziyaaru malee je`ee. tokko eega beytalfaqiih dabarreeyi nu jalaa hafe anumaafii ilma indooyyee yookaa haboo tiyyaa ismaa`iil aliitu miilan xaa`if seenee achirraa makiinaa yaabbannee makkaa seenne baatii shawaal keessa eega baatii sadii miilan deemnee , xaa`ifiifu makka jiddu malee hoggaa makka seennu warri makkaa huccuu jalaa gubbaa nutti bite duuba hanga hajjiin geessu sinqii dalaganna jenneeti jidaa dhayn`e magaalan jiddaa gaafas xiqqoodhaa ni oow`iti duuba shirkaa { abuu nasiib } takka bira waa xiqqo dalayne al waaha markabni fidu bakka takkarra bakka taanitti guuru`uun haa tayuu oow`i jabeessinaan dhiifnee makkatti deebine .

WAANIN MAKKA KEESSATTI QUNNAME

Makka keessatti sheeykh alawii abbaas maaliki`irrattin waa baratu`utti seene keessattuu { iidaaha } manaasikaa kan imaamunnawawi`ii

Waanin makka keessatti qunnamerraa tokko dubbii sheekh abdallaa tuqo`ooti sheekh abdallaahi tuqo`oo harar naannoo fadisitti dhalate duuba eega hararitti fiqhii akkaan baratee dawwee dhaqee achitti barmoota guddaa baratee eegasii xariiqaa fuudhee ahwaalli itti ka`e eegasii makka dhaqee fiqhii shaafi`iitifii xariiqaadhafii aqiidaa ash`ari`ii dhiisee da`waa muhammed abdulwahaabitti seenee makka kessatti karaa muhammed abdul wahaabitti nama yamu`utti seene sheekh abdulqaadir warra jimmaa tokkoon wajji wanni isaan dalagan nama biyya habasha`arraa dhufu karaa isaanitti yaamuu nama hawaashii gadii dhufu abdullaahi tuqo`ootu qabii maxaysa kan hawaashii olii dhufu abdulqaadir jimmaatu qabee maxaysa jara kana maddii jamaa`aa biraatu jira kan karaa shaafi`iidhatti warra habasha`arraa dhufu yaamu keessattu sheekkotiin soomaale`ee gaafa san da`waan sheekh muhammed abdulwahaab akkaan hin bal`annee sun bara afurtamii shan dura duuba abdallaan tuqo`oo wanni naan je`e fiqhii shaafiidhaa dhiisi an shaafi`ii ifiin hin je`in tawhiida ash`ari`ii dhiisi an ash`arii ifiin hin je`in xariiqaa qaadiri`ii dhiisi an qaadirii ifiin hin je`in hundinuu khuraafataa naan je`e hoggaa sanan mee akka mazhabni shaafi`iidha waan badduu itti taye na fudhachiisi je`een duuba na fudhachiisu dadhabe maalif an tawhiidafii fiqhii keessatti akkuma isaati yoo mataa jabaatuu kiyya itti idaane an isa darani duuba hoggaa ifii na gara galfatuu dadhabu sheikh abdulqaadir jimmaati natti fide sunis na ijibbaate eegasii sheekhe daarul hadiisitti na geese ammas eegasii anaafii ilma indoonyee tiyyaa ismaa`iil alii geessee ashaa yookaa hiraata yookaa dhiyana akka biraa nu nyaachise hoolaa guutuu gorra`anii gogaa irraa fuudhanii waan garaa keessa jiru hunda keessaa baasanii dhiqanii ruuza gaarii hawaaji`iin wajji itti takhashanii itti hodhanii furnoo keessa kaayanii isaa bilchaatee urgaayu kan yoo harkaan tuyxe foonifii ruuzni buqqa`ee si jala ka`u fidanii nu jiddu kaayan duuba nyaannee nyaannee quufnee beelti baatii sadiyii nurraa baate hoggaa nyaatarraa raw`annu sheekhni daarulhadiisa inni warra najdiiti maqaa isaa amma hin yaadadhuu gorsa gaarii nu gorse akka abdallaa tuqo`otti fiqhii shaafi`ii hin tuyn`e . duuba ganama hoggaa wal garru abdallaa tuqo`o wanni naan je`ee dubbii sheekhaa dhageessee yaada keetirraa deebitee mitii ? jennaan wannin je`een nyaanni waa yaada kiyyarraa nan deebisuu yoo kan bakka nyaataa san yaada kiyyarraa na deebisu`uu kan na geessite taate an amma eegu achitti hin deebi`u bakka sadaqaa ganamarraa dhaqanii biddeenafii ruuza irraa fudhatantu jiraa tikiyyaa umar je`amtuu achi dhaqee waanin nyaadhu fudha biddeen tokkoofii ruuza fal`aana tokko abdallaa tuqo`orraa maqee duuba abdallaan tuqo mataa bakka sadaqa`aa sanitti dhaqee namni muhammed rashaad je`amu kun yaadaa isaa gad dhiisee yaada keenyatti seenuu didee nyaata ittin kennin ruuzafii biddeena daabboo sadaqaadhaa ittin kennin je`een tanaaf jecha mataan { tikiyyaa } sanii na yaamee maaltu siifii nama abaddallaa tiqu`oo je`amu jidduu jira je`ee na gaafate na gaafannaan waannin je`een inni warra biyyatiyyaatii mazhabni biyya teenyatti itti dalagu mazhaba shaafi`iidhati akkuman an fiqhii shaafi`iidhaa qara`etti inninis qara`uu ture duuba inni as dhufnaan mazhaba hanbali`ii qabatee fiqhii shaafi`ii nama jibbisiisu`uttti seene an dhufnaan fiqhii shaafi`iidhaa dhiisi naan je`e ammas salaata alannabiyyi`in heddommeysaa kitaaba tokkorraan qara`aa sanis dhiisi naan je`e duuba hin dhiisuu je`een tanaaf hamtuu natti yaadan je`een mataan bakka sanii sun hoggaa dubbii tana dhagayu irraa hammaatee wanni naan je`e inni warra misraatii guyyaa hundaa koottaa nyaata hanga feete fuudhu naan je`e akkasitti kan duraan furnoo yookaa biddeena firii takka qofa naa kennan naa heddommeysanii ruuza hangan fedhu naa kennanii garii furno`oo warra achitti namarraa bitutti gurguradhee maallaqa argadhee rabbiin natti bal`ise inumaa rabbiin kiyya harama keessatti akkaan natti bal`isuu fiinan namni an hin beyne tokko anaa guyyaa soomanee galgala furnoo goggoyduu bishaan zamzamaa itti buufatee jiifatee itti faxaru garraan natti dhufee anaatu asitti nyaata sii fidaa ati asii hin sossoo`in haramarraa hin bayin naan je`ee akkasitti namni sun nyaate nyaata hoolaa daarulhadiis san caaltu kan gosa adda addaa miya adda addaatin galgala hunda naa fida rabbi galata isaaf haa galchuu akkasittan hajji eeggadhee baatii arafa`aa guyyaa saddeetii ganama hajji hidhadhee makkaa bayee bakka { mina } je`amtu tan makkaafii arafaa jidduu jirtu dhaqee achitti salaata zuhri`iitifii asri`ii magribaa ishaa`ii subhii guyyaa sayleessaa baatii arafa`aa salaatee minarraa gara arafa`aa deemuu jalqabe namni minarraa gara arafa`aa deemu dura bakka muzdalifaa je`amtutti dhufa eegasii laga lolayaa kan waadii yookaa laga {namiraa } je`amutti dhufaa duuba bakka namirraa je`amtu qubata masjida namiraa keessa takkaa ala isaa bakka arafaa hin tayin qubata maalif masjinni namiraa takkaa masjinni ibraahiim cina`aan namira keessa jiraa cina`aan diida arafaa keessa jiraa gama arafa keessa hin jirre taa`a hanga zuhriin gayutti duuba hoggaa zuhriin gayu odoo diida arafa`aa hin seenne salaata zuhri`iitifii salaata asri`ii raka`aa lama lama godhee wajji salaatee eegasii dirree arafa`aa seenee hanga magribatti diida arafa`aa san keessa bakka fedhe dhaabbatee booyee waan fedhu rabbi isaa kadhata duuba odoo magriba hin salaanne hoggaa aduun seente gara muzdalifa`aa deema achitti magriba ishaa`iidhan wajji walitti qabee salaatu`uuf duuba eega subii salaatee hanga aduun baatutti achi taa`ee rabbi khadhatee achirraa dhagaa boollaa sheyxaanni zamana ibraahiim seene sadeenirraa tan jamratul`aqabaa yookaa boollaa kaarraa je`amtu tan makkatti as aantutti darbatu dhagaa xixiqqaa hanga firii baaqila`aa takkaa dhagaa biimbe`ee gayu muzdalifa`arraa guurata duuba achirraa gara mina bakka boollitti sheyxaanaa jirtu hanga boolla sadeenirraa kan boodaa gayutti hoggaa biraa gaye  dhagaa turban muzdalifa`arraa guurate tokko tokkoon boolla sanitti darba guyyaan kan guyyaa iida arafa`aati guyyaa kana wanni dalagan tokko dhagaa boollatti darbatuu tokko yoo qabaatan waa qaluu tokko mataa haaddatuu tokko makka dhaqanii xawaafanii sa`yii godhuu waan dubbanne kanarraa yoo waa lama dalage akka dhagaa darbatee mataa haaddatu`uufii takkaa mataa haaddatee xawaafu`uutii waan lamaan kana dalagu`uun hiikkannaan hajji`ii lamaanirraa ta duraa argamtee wanni hoggaa hajji hidhate isarratti haraam yookaa dhoowwamaa godhame hundi halaal isaa godhamtee dalaguu qaba yoo beeratti ida`amuu taate malee ammoo yoo sadeenuu dalage dhagaa darbatee mataa haaddatee xawaafee sa`yii godhe waan irraa dhowwame mara dalaguun isaaf gayaa arkaana hajjiidhaa fixe waajibaatu irratti hafe malee sun iida booda guyyaa lama yookaa sadii mina bulee boolla sadeenitti dhagaa torba torba darbatuu hoggaa biyya isatti galu`uu ka`e xawaafa dhaammanna`aa ka`ba`aan hoggaa torba naannawuu yookaa xawaafuu .

Wannin makka keessatti dalage kanin yaadadhu kitaaba azkaaraa kan amaamunnawi`ii biteetan du`aa`ii isaa keessa jirtu qara`ee ka`baa seenee salaatee rabbi khadhee yaa rabbi hangan qur`aana kee ma`naa isaa baree nama barsiisu nan ajjeesin je`ee itti wowwaadhe duuba waaqa galanni  guddaan wasanan qabne haa gayuu du`aa`ii tiyya san naaf qeebalee ammallee naa haa ida`uu kennaan isaa hin dhumtuu wanni raga sanii tayuu rabbiin ma`naa qur`aanaa afaan oromo`otti deebisee barreessee sajjaluu yookaa waraabuu na qunnamsiisee ummata keenya gayee bu`aa irraa argatuu .

HAJJI`IRRAA RAAW`ATUU

Akkanattin hajji fixee madiinaa dhaqu`uuf karaa bu`e karaan madiinaa dhaqu kanin an deemu`uu muradhe karaa nabi muhammed gaafa hijraa bayan deeman kan amma xariiqul hijraa je`amu kan amma matoobiliin gamaa gamana keessa oriitee makkarraa nama fuutee saa`aa afuritti yookaa saa`aa jahatti madiinaa nama geessitu kan gaafa nabii faa guyyaa khudhanitti makkarraa ka`anii madiinaa dhaqan karaan kun gaafan an deemu`uu ka`e matumaanuu namni deemuu dhiisee faanti isaatuu bade duuba karaa akkanaa kanan faanan  nabii jalan deema`aaf kanin sinqii yookaa galaa hin qabne deemu`uu karaa bu`e duuba tan`iimirraan amna jalqabee odo`on deemuu nama tokko kan gaala yaabbatee karaa kana deemu argadhe duuba odoo yaanuu biyya waadii faaxima`aa je`amtutti dhufnee magaalaa sanirraa timira fudhee khaliixaa dur biyyatti mahallii sharhii minhaaj keessa kaayatuu ture guuttadha ganda san keessa madda bishaan mi`aaya`aa tan burqitu tan bombaa itti hidhanii jidda geessanii bishaan isi`ii mi`aayaa mandarri jiddaa dhuguutu jira duuba ganda waadii faaxima`arraa namicha arabaa kan hajji dhufee biyya isatti galu`uu deemu saniin wajji amna itti fufne hanga odoo yaanuu halkan keessa bakka geenyetti duuba namni sun wanni naan je`e an bitti tiyya asirraa gara bayaatii ati karaa madiina`aati deemtaa rabbi si wajji haa jiraatuu nagayattu je`ee na biraa dabre hoggaa inni na biraa dabru ormi hedduun namni ati dhiiftee biraa deemte sun eenyu je`aniin jennaanin nama habasha`aa kan hajji godhee madiinaa ziyaaru`uu deemuu je`een .

Hoggaa san dhufanii naan marsan isaan nama heddu`uu wanni seyan nama horii guddaa harkaa qabu wanni akkas siyaniif anaatu borsaa yookaa qandii goga`aa timira guutee kan kitaaba { alfathurrahmaanii fissalaati alaa ashrafilnaw`il`insaanii } kan sheekh haashimilharariin allafe malee wanni biraa keessan hin jiru khaliixa`aatu guddoo malee kanin sharhii minhaaj { mahallii } keessa kaayatu`uu goga`arraa tolfadhe haa tayuu ormi sun waanuman maallaqa ba`adhu seyan yaroon sun halkan wal`akkaadha ammoo ji`aatu jiraa halkan ni ifa duuba odoo isaan afaanin  natti dubbatuu malee harkaan nan qabin rabbiin magaya na baasu`uu jecha matoobiliin takka gaara duubaa luf as jette gaafas warri baadiya`aa matoobilii hin beekhuu takka ashkara mangisti`ii kan baadiyaa keessa yaa`ee nagaya eegu seyanii hundi isaanii gara matoobilii sanii gara galanii laalu`utti seenan hoggaa sanan isaan jiddu`uu futtifadhee karaa ifaan matoobili`ii itti qajeellu keessa dhaabbadhee itti iyyadhe hoggaa san harka na qabanii matoobili`irratti na darban duuba matoobilii gubbaan bana`aa nuun fiiganii du`a jalaa rabbiin na baase galanni ka saatii silaa odoo xiqquma sayyaaran yookaa matoobiliin san na dura dabartee takkaa waa xiqquma turtee ar`a silaa an asin jiru oromolleen bu`aanarraa hin argatu haa tayuu namni sheekha tokko akki naan je`e maalumaaf jarri sun si kholaasee hayyuu arabaa tokkoo sin gurgurin silaa taabiyyaa argatteeti kafiila nuu taataa je`ee hawwe duuba akka namni sun nama dantaa ifii malee dantaan tiyya yookaa dantaan oromo`oo isan yaachifne asxaan sanii bakka heddu`utti naa mul`attee jirti matoobiliin sun hoggaa jara san jiddu`uu na fuutee nuun fiydu bakka deemtuf nuun dhayxe abbaan sayyaaraa sanii hogga`an dubbii tiyya itti odeessu ni booye wanni naan je`e bakka tanatti hajjaajonni meeqaatamtu dhume nama diiddamaa gadiin orma shifta`aa kana bira dabruu hin dandayan tanaaf jecha karaan kun dhiifamee jiraa jiddatti si deebiseetan karaa saahil yookaa qarqara bahar deemta malee gad sin dhiisu je`ee khakhate yoo sayyaaran sun eessaa dhufte jettan abbaan sayaaraa sanii warra shaamii matoobilii lamaan jiddaa bayee gaara qoraanii dhaqee achitti sayyaaran takka duraa baddee isii fayyaa qabduun jiddatti deebi`ee waan isii baddetti jirjiirufii ogeessa fudhatee isaa jiddarraa deebi`ee bakka matoobilii baddetti deemu halkan san bakka shifta`aa sanitti wal qunnamne duuba hanga sayaaran sun tolfamtu gaara san keessa wajji teenyee nyaata isaanii wajji nyaannee bishaan isaanii wajji dhuynee guyyaa meeqa booda jiddatti ifiin wajji na deebise riyaala shan ka xalaya`aa wahiin nyaadhu je`ee naa kennee .

Jidda keessatti wannin arge nama adii tokko kan nama guraacha tumu hoggaa sanan utaalee harka isaa qabe maa tumte je`ee hoggaa san na dhawu`uu natti gara gale hoggaa san namni tokko utaalee narraa dhoowwee harka na qabee achi naan deemee namni kun gabricha ifiiti tumaa ati maaltu siin gaye naan je`e .

JIDDARRAA AMNA JALQABUU

WAANAN KARAA JIDDATTI ARGE

Duuba jiddatti asri`ii salaattan akka namichi shaam kan karaa kana hin deemtuu karaa saahil deemta naan je`ettin karaa jiddaa ka`ee madiinaa dhaqu deemu`utti seene an mataa kiyya keessa waa yaabbatuun hin jiru waanin miilan deemuu aadaa godhadheef ammallee waanin sinqii hin qabneef jecha tanaafan karaa saahilaatin deemtaa qaalichi shaam naan je`e san miilan deemu`utti fudhee karaa madiina`aa kan jiddaa bayu deemu`utti seene gaafas karaan madiina`aa akka ammaa kanatti hin tolfamne inumaa hoggaa san soqanii wal qixxeessuu jalqabanii bakka { raabigh } je`amtuun  gayan kan sanii achi matoobiliin ifumaa karaa baafattee deemtu .

Duuba karaa diriiraa sayyaaran yaatu asri`irraa deemuu jalqabe odo`on deemuu aduun seente eega maghribaati otobiisni mangisti`ii hin deemuu ni dhaabbata hammeenya kara`aatif jecha ammoo sayyaaran sha`bi`ii akka koturbaandi`itti takkaa akka hannatti ni yaati duuba karaa diida bal`aa keessa deemu kan sayyaaran tikka deemtun kophaa tiyya deema akka yaada kiyyatti madiinan dhiyo`o duuba dukkana karaa sanii ifaa sayaaraa na duubaa jiddarraa dhuftuutu naa ibsa karaan diriiraa dheera`aa wanni na rakkise yayyee diida san guuttee bineensa sayyaaran ajjeeftu nyaatu`uuf kara`atti oriitu kan karaa moggaa lamaanii iyyitu tan hoggaa sayaaran dabartee dukkanti dhufte kara`atti oriitu kan hoggaa ifaan sayaaraa biraa dhufe kara`arraa oriitu akkanatti ishaa`in dabartee sayyaaran takkittii hanga sayyaaraa takka malee sayyaaran jiddarraa dhuftu tan karaa naa ibsitu dhabamtetti hoggaa sanan yoo sayaaran tun dabarte yayyiin si nyaattee sayaaraa tanatti iyyadhu ifiin je`ee hoggaa isiin natti dhiyaattu dura dhaabbadhee itti iyyadhe duuba naan dhaabnee narraa maysaniiti dabarsan haa tayuu hoggaa waa xiqqo narraa fagaattu sayyaaran duraa dhaamtee dhaabbattee irraa bubu`anii waan taate laalu`utti seenan tana jidduu abbaan sayyaara`aa ceya`aa natti dhufee harka na qabee na bubbuta`aa isaa yaa saahir koottaa sihrii baaburarraa hiikki je`ee na arrabsu bakka baaburri dhaabbatuttiin naan qajeelee hoggaa baabura biraa na gayu baabura seenii bakka tana dhaabbadhuu qabadhu je`ee ol na darbe duuba hogga`an koree qalbiin na qabbanooytu baaburri odoo tutuqanuu ka`eefii akkasitti baaburri deemsa itti fufe , hanga bakka raabigh je`amtu geenyetti duuba abbaan baaburaa waan nuun je`e hara baafanneeti subhii dura kaanee deemnaa sayyaara`arraa bu`aadhaa rafaa hoggaa san namuu bubu`ee baabura jalaafii maddii rafan an ammoo sayyaaraadharraa fagaadhetin rafe anaa dadhabbii deemsa kara`aa qabu duuba hoggaa sabhii salaatu`uu ka`u sayyaaraa if biraa hin agarre amma lafti itti dachiin diidaa qiblaan gamanaamoo gamanaan hin beekkamu haa tayuu ijtihaada godheetan qiblaan gamanamoo gamana je`ee gara qalbiin tiyya gamana jettetti gara galee salaate maalif namni wanni lama  itti wal fakkaatte akka huccuun xaahiraatifii huccuun najifamte itti fakkaatu`uutii ta qalbiin isaa xaahira jetti filatee salaatan duuba hogga`an salaata subi`ii salaatu amnaafin yookaa adeemsaf karaa bu`ee odo`on deemuu nama sayyaaraa { londoroofar } oofu argee madiinan dhiyo`oo je`ee gaafadhe gaafannaan lakkii madiinan dhiyo`oo miti fagoo naan je`e ammas wanni naan je`e madiinan asirraa sayyaara`aan amna guyyaa sadiyii ni geessii sanumaan wajji ati gara jiddaati deemu`utti jirtaa duuba deebi`ii gara madiina`aa deemi naan je`e . wanni akkas na godhe aduun takkaa hin baanee bayaa dhiya kaataa kibba yookaa mirgaa bitaan adda naan beekkamne . akkasittan karaa madiina`aa deemuu jalqabe duuba hogga`an karaan madiina`aa dheeraa tayuu hubbadhu matoobilii takka ta jiddarraa deemtu argee abbaa isi`iitin na yaabbachiisi je`ee kadhe khadhannaan maallaqa kenni je`e jennaan riyaala shan malee wa takkan qabuu na fattashii yoo garte fudhu je`een riyaalli shaman sun kan shaamichi keli na kenne hoggaadhan akkas je`uun dhiifadhu sayyaaraa kori naan je`e na korsiisee hajjaajota soodaanin wajji nyaata isaanii nyaata`aa bishaan isaanii dhuga`aa guyyaa hedduu deemne waan karaan madiina`aa hin tolfaminiif tolfamuu dhiisii soqamee wal hin qixxeeffamaniif kan sayyaaran hundi karaa ifii baafattee deemtu hanga odoo yaanuu bakka itti baasaboortii yookaa jawaaza nama gaafatan geenyetti achitti abbaan sayyaara`aa ati baasaboortii hin qabduu na qabanii narraa bu`ii madiinan dhiyo`oo miilan deemi naan je`ee irraa bu`e akkasitan halkan gama boodarraa adeemsa jalqabee suuta deema`aa waytii yookaa yaroo waari`ee madiinaa nuuraa seenee gammachuu likii yookaa daangaa hin qabne gammade duuba anaa salawaata alannabii akkaan heddommeysu masjida nabii seenee raka`aa lama tahiyyatal masjid je`ee rawdaa keessatti salaate rawdan bakka qabrii nabiitifii minbara isaanii jidduu jirtu minbirri yooka maqidallaan bakka isaan irra dhaabtanii yookaa taa`anii khuxbaa ju`aadhaa takkaa khuxbaa biraa qara`an nabiin akki je`e { qabrii tiyyaafii minbara kiyya jidduu rawdaa jannataatitu jira    ما بين قبري ومنبري روضة من رياض الجنة  } je`an akkana jechuun ibaadan achi keessatti dalagan salaata tayuu waan biraa tayuu waan jannata nama seensisu jechuu takkaa bakkeen sun kutaa jannatarraa taate tan jannata seensifamtu jechuu duuba eegan rawdaa keessatti tahiyyaa masjidaa salaate ka`eetan qabrii isaanii bira dhaqee qabri`irraa waa xiqqo fagaadhee { assalaamu alayka yaa rasuulallaahi ashhadu an laa ilaaha illallaahu wa ashhadu annaka Muhammed rasuulullaahi wa ashhadu annaka khaatimu rusulillaahi wa ashhada annaka qad ballaghtarrisaalaata wa addeytal`amaanata wa nasahgtal`ummata fa jazaakallahu khayra maa jaazaa nabiyyan an ummatihii } je`e

{ السلام عليك يا رسول الله اشهد ان لا اله الا الله واشهد انك محمد رسول الله واشهد انك خاتم رسل الله واشهد انك قد بلغت الرسالة واديت الامانة ونصحت الامة فجزاك الله خير ما جازا به نبينا عن امته }

Akkana jechuun afaan oromo`ootin ergamaa rabbi nageenyi sirratti haa jiraatu an akka waaqa tokko malee waaqni biraa hin jirre nan beekhaa raga`an baya ammallee akka ati ergamaa rabbi kan boodaa kan nabiyyiin biraa haaroyni si boodan hin dhufne taate nan beekhaa raga`an baya ammallee akka ati amaanaa rabbiin sirra kaayee ummatatti geessi siin je`e ummatatti geessitee ummata kee qajeeljite nan beekhaa raga`an baya rabbiin galata galata anbiyootaf ummata isaanirraa galchu caalu ummata keetirraa sii haa galchu } je`een  eegasii salaamtaa namni nabitti nuu geessi je`e natti dhaammate itti geese abalu assalaamu alaykum siin je`aa assalaamu alaykum minhu } je`ee .

Eegasii hanga dhuudhuma tokkoo gara mirga kiyyaa siqee asaab abuu bakrirratti salaammadhe { assalaam aleyka yaa abaa bakrissiddiiq yaa khaliifata rasuulillaahi radiyallaahu anka wa an ashaabi rasuulillaahi ajma`iin wa jazaakallaahu anil`islaami kheyraljazaa` } je`e .

السلام عليك يا ابا بكر الصديق يا صاحب رسول الله ويا هليفة حبيب الله رضي الله عنك وعن اصحاب رسول الله اجمعين وجزاك الله عن الاسلام خير الجزاء .

Akkana jechuun { yaa saahiba ergamaa rabbi yoo khaliifaa jaalallee rabbii nageenyi sirratti haa jiraatu rabbiin siifii asaabaa nabii hundarraa haa jaalatu islaamarraa galata guddisee sii haa galchu } jechu` .

Eegasii hanga dhuudhuma tokkoo gara mirga kiyyaa siqee asaab umarirratti salaamadhe { assalaamu alayka yaa umarbnilkhaxaab yaa khaliifata rasuulillaahi radiyallaahu anka wa an ashaabi rasuulillaahi ajma`iin wa jazaakallaahu anil`islaami kheyraljazaa`} .

السلام عليك يا عمر بن الخطاب يا خليفة رسول الله رضي الله عنك وعن بقية اصحاب رسول الله اجمعين وجزاك الله عن الاسلام خير الجزاء .

Akkana jechuun { yaa umarabnilkhaxxaab yaa khaliifaa nabii nageenyi sirratti haa jiraatu rabbiin siifii asaabaa nabi hundarraa haa jaalatu rabbiin islaamarraa galata guddaa sii haa galchu } jechuu

Eegan nabiifii saahibaan isaanii lamaanirratti salaamadhee dhaabbadheetan waanan fedhe hunda rabbii kiyya khadhe du`aa`in achitti ni qeebalamti .

QABRII NABII ZIYAARUN SAWAABA

GUDDAA QABA

Qabrii nabii nageenyi isarratti haa jiraatuu ziyaarun sawaaba guddaa qaba .odoo hadiisa abuu daawuud odesse kan nabiin isa keessatti { nama dhufee qabrii tiyya bira dhaabbatee narratti salaammate rabbiin iznii naa godheetan salaamtaa isaaf deebisa } je`u malee hadiisni bira jiraatuu baatee hadiisni abuu daawuud kun qofti qabrii nabii ziyaaru`uu jecha madiinaa dhufu`utti nama kaasu`uuf ni gaya salaamtaa nabiin isarratti deebisu tana argatu`uu jecha nabiin namarratti salaammatuun waan laaftuu if dabarsanii mitii saniin wajji hadiisni biraatis ni jira hadiisni biraa wanni je`u { namni ziyaaraa tiyyaa jecha mana isaatii baye , kan ziyaaraa tiyya malee wanni biraa isan baafne guyyaa qiyaama`aa shafii`an isaaf taya } je`an kunis waan namni aylii qabu if dabarsuu miti .

Gaafan madiinaa dhaqe hoggaa san su`uudin masjida nabii bal`isuu jalqabde manootii naannoo masjidaa diiydee alwaaha jaaraniin achitti tuultee kan masjidaa tan { baabulmajiid } je`amtu diisu jalqaban anilleen dalagaa jaarmaya masjida nabii sanirraa haa xiiqqaaffulle`ee qooda fudhe odoo alwaaha yookaa muka bakka takkarraa takkatti guuruu takkaa sayyaara`arraa buusu`ullee taatee .

Hangan madiinaa keessa jiru bakka ziyaaramtu hedduudhan ziyaare kan akka qabroota uhud kan shuhadaa`otaa kan qabriin leenca rabbii hamza`aa keessa jirtu nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu qabrii hamza`aa ziyaaruu akkasuma masjida qubaatis ziyaaru`un ture inni masjida nabiin hoggaa madiina`atti galan dura dursoo jaaran akkasuma masjidulqiblateynii ziyaaru`un ture .

Ammas hangan achi jiru ulamaa`ii madiina`arraan waa baratuu ture keessattu lughaa arabaa .

ABJUU BAREEDDUU

Gaaf tokko odo`on al waaha masjidaan jaaru`uu jecha walitti qaban gubbaa rafuu manaama bareedaa tokkon arge manaamni nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu kan asaabaa isaanii dura deeman kan diiminni isaanii akka wardi`ii kan asaabonni jala ya`u kan karaa hulaa masjidaa tan baabussalaamin diidaa dhufanan argee itti ceyee utaalee  harka kiyya lamaanin morma isaanitti maramee miila lamaanin mudhii isaanitti akka joollen abba`atti maramtutti maramee wannin je`e ashhadu an laa ilaaha illallaahu wa ashhadu annaka muhammdun rasuulullaahi hogga`an akkas je`u wanni na garsiisan biyyaa bareedduu takka tan manneen isi`ii mukkeen dhedheeraa keessan mul`atuti naa akeekan  akka waan dhaqi naan je`anii .

Duuba abjuunan arge kan waan an rabbi biratti ol kaayadhurraa irra guddo`oo tan namni hundi hawwuuf maalif nabi muhammed nageenyi isaanirratti haa jiraatuu manaaman arguun ni`maa yookaa qananii guddoo nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki je`an namni manaaman yookaa abjuuudhan na arge zaahiraan yookaa isaa dammaqa`aa na arguu hin oolu je`an isaan arguun sun addunyuma tanarratti takkaa hoggaa du`aa ka`an namni tokko warra dawwe`eetii manaama kana itti odeessinaan akka biratti isaan argu`uu dharra`e yookaa hawwe rabbiin isa haa agarsiisuu .

Duuba odo`on madiinaa taa`uu sheekh abdullaahi muhammadiin wal barre isaanii hajjii godhee madiinaa dhufeen wal barre . duuba wanni naan je`e an shaamittan deemaa asitti si dhiisuu hin fedhuu na wajji deemtaa ? jennaan gammadee ee nan deema je`een gurbaan tokkos warra fadisii isiniin wajjin deema je`e .

Akkasitti sheekh abdullaahi matoobillii yookaa baabura nuu kireessee madiina`aa baane duuba nuu shaamitti yaa`u dura dursoo biyya imaam maalik tan { ulaa } je`amtutti dhufne isiin biyya timiraati sheekhni timira qirbata tokko nuu bite ajaa`iba timira sanii rifeensuma qofa maalif { qalqalloo } yookaa qarbata itti naqan san gama rifeensatti naqanii itti hodhan an waan akkas godhaniif hin beyne haa barakatuufimoo haa tiysuufimoo akka namni akka argetti nyaatee dafee duraa hin barakatuufimoo haa tiysuufimoo akka namni akka argetti nyaatee dafee  duraa hin dhumne  jecha`aaf akkas godhanii hin bayne an achittan warra timira zeyti`iin tuqatee nyaatu arge .

Duuba odoo yaanuu biyya nabi saalihitti dhufnee gaara ilmoon gala saalif kan ummanni isaa duraa ajjeesse dheeysitee seentefii manneen isaan gaara keessatti jaaran eela isaanii hunda garre . gaalli nabi saalih wanni irraa dhufe inni ummata isaa kan rabbitti balleessee namatti balleessutti rabbiin isa ergee rabbi sodaadha`aa badii itti jirtan tana dhiisaa an ergamaa rabbiiti na dhugo`oomsaa jennaanin mee yoo dhuga`aan argamaa isaa . taate dhagaan kun odoo nutti garruu gaala haa dhaluu je`aniin duuba gaalli odoo isaan arganuu ittanee ilmoo dhale dhallaan nabi saalih akki je`een gaalli tun gaala rabbiiti hin tuqinaa  je`een duuba bishaan isaanii adda qoodanii guyyaa tokko gaalli isaanii dhugee guyyaa kaan gaalli saalih kun dhugu kan aanan isiidhaa akka gaari`itti irraa dhugan duuba gaalli isaa kophaa bishaan dhuguun horiin isaanii isii dheeysun isaanitti ulfaatee nama tokko lam { qudaar ilma saalif } je`amu itti erganii ajjeesse hoggaa san ilmoon gaala sanii dheysitee gaara nuti garre san seente ammoo ummata saalih kan isatti amane malee rabbiin balaa itti buusee lafarraa dhuman ilmoon gaala sanii hoggaa qiyaaman dhiyaatte gaara sanii takkaa safa keessaa baatee nama iimaana qabuufii kaan mallatto`oon adda baafti .

MAGAALAA TABUUK

Eegasii tabuuk dhayne`ee bishaan diida keessatti nabi muhammadiif baye agarre kun eega guyyaa hedduu deemne yaroon sun yaroo qabbanaati hedduu rakkanne kan hunda kanuma naafii gurbaan ibraahiim je`amu kan madiina`aa wajji baane kan warra fadis jawaaza safaraa hin qabne yaana yoo namni baasaboortii nu gaafate wanni jennuun nuti takruunni`ii qabrii nabi zakariyya`aa tan suuriyaa { jaami`a umwi`ii } keessa jirtu ziyaarretti biyya teenyatti gallaa jennaanii numa dabarsan hanga magaalaa { ma`aan } je`amtu tan biyya { ordon } seennee eegasii magaalaa guddoo muummittii biyya ordon seennetti maqaan  isaa { ammaanii } .

BEYTULMAQDIS

Ammas ammaanirraa kaaneti magaalaa yookaa mandara { qudsii } dheyne gaafas mandarri qudsii harki tokko sun mandara durii kan masjidaafii qubbatul sakhraan keessa jirtuu harka mangistii ordun jira ammoo mandarri qudsii haaroyni harka yahuuda`aa yookaa israa`iil jira ganduma tokkichaatu bakka lamatti qoodame jechuu kan ashkarri ordoniifii ashkarri yahuudi`ii karuma tokkicharra gamaa gamana tattaa`u kun bara { 1952 } tt. duuba eegasii mandara { ibraahiimalkhaliil } ziyaarre eegasii magaalaa ammaanitti deebine .

SHAAM { SUURIYAA LOBNAAN }

Duuba sheikh abdallaahi Muhammad magaalaa ammaanitti nu dhiisee suuriya`atti dabre baabura hadiidatin waan baasaboortii qabuuf jecha ammoo nuti miilan ammaanii baanee suuriya`atti qajeelle karaa ashkarri eegurraa maqa`aa hanga magaalaa guddoo muummitti suuriya`aa dimishqa seennetti yaruun magaalaa dimishqaa geenye asrii boodaa masjida guddaa jaami`ul`umawi je`amu seennee asrii salaannee tetteenye .

Duuba namni tokko dullacha dhufee nu bira taa`ee nagaya nu gaafatee isin warra biyyaa hin fakkaattanii eessaa baatan biyya tamii dhuftan nuun jennaan habasha`arraa dhufne jenneen ka`aa nuun je`ee magaalaa nu geessee dukkaannotarraan nu gorree abbaa dukkaana tokkootin ati nama kana uwwisi je`eenii namni sun huccuu qabbanaa na uwwise yaroon yaroo qabbanaati huccuu qabbanaa hin qabuu ammas dukkana biratti dabree nama kana uwwisi je`eenii sunis waahila kiyya ibraahiim huccuu qabbanaa uwwise ammas nu fuudhee masjida sheekh hasan habannaka`aa kan mandaruma dimishqaa keessaa ganda { miidaanii } je`amu keessa jiru nu geessee sheikh hasan habannata`aan jara kana naa bulchaa ganaman dhufee fuudhaa je`eenii nu biraa deeme .

Duuba rabbiin ayyaana nu tolchuu keessa masjida sheekkotiin biyya teenya sheekh Muhammad jiilletiifii sheekh Muhammad alii yahya`aa bara hedduu keessa taa`anii ummata biyya sanii keessatti ilmi`iifii zikri`iifii waliyyumma`aan beekkaman keessa rabbiin nu qubsiise warri masjida saniitifii warri mana barmootaa kan masjida sanirraa laakkawamu gammadanii nu ashaman nutis haaluma sheekkotii isaan beekaniiti qabnaa haatayuu nuti isaan bira hin teenyee odoo isaan nutti rarra`anuu qaallichi achi nu fide borummaa nutti dhufee nu fuudhee madrasaa yookaa mana barmootaa kan { madrasat fathul`islaamii } je`amu geese mataa mana barmootaa sanitti nu kenne akkasitti mataan bakka sanii sheekh saalih farfuur nu qeebalee nu dhiyeesse . ammas rabbiin nasiiba nu tolchuu keessa sheekhni keenya abdallaahi kan ordonitti adda baane achi jiraa akkasitti walitti rabbiin nu qabee gammanne .

Duuba mana barmootaa sanittan waan barmoota islaamaa taye hunda waliin gaye hundee kitaabban barmoota islaamaa kan nagaya qabu hunda sheekkotii gugurdoo amanamtuudharratti qara`ee bara shan keessatti halkanii guyyaa itti fufee sheekkotiin sun kan akka sheekh saalih furfuur kan jam`iyyaa yookaa wal daya wal gargaarsaa dhabee mana barmootaa kan fathul`islaamii je`amu jaare rabbii rahmata haa godhuufii ammas sheekkotii an irratti baradherraa tokko sheekh abdurrazzaaq halabii sheekh saalif aqqaad kan shaafi`ii zamanaa je`amu kan mughnilmutaajif hiikkaa yookaa haashiyaa kaaye ammas kan kifaayatul`akhyaarif haashiyaa kaaye aalima taajira zaahidaa akkasuma sheekh hasan habannakaa akkasumaa sheekh hasan kaftooroo akkasuma sheekh abdul`aziiz uyuunussuud kan teesson isaa { himsi } taate inni bukhaarii ijaazaa naa kenne ammoo sheekh abdulqaadir iisen kan teessun isaani halab taate kan kitaaba safwatuttasawuf allafe yookkaa barreesse inni sheekha kiyya kan ruuhi`ii kan khalwaa na seensisee xariiqaa qaadiriyya`aa tan isaanirraa kaatee ilma sheekh abdulqaadir abdurrazzaaqitti deebitu naa kenne isiin tun karaa kiyyaan harar seente isii tana sheekhni itti dalagu`uufii itti dalaysiisullee iznii guutuu naa kennani jiran isii hiruu naa eebbisan jechu duuba anis isii tana itti dalagu`uufii hirullee nama haqa godhatuu iznii godhe sheekh abdulqaadir suuruya`arraa madiina`atti galaniiti eegasii ordonitti galu`utti dirqaman kan eegasii dhukkubsatanii turkiyaa dhaqanii achitti du`an xariiqanin isaanirraa fuudhe ta biraa xariiqaa shaazaliyyaa darqaawiyyaa rabbi rahmata isaanii haa godhuu . inni nama ruuhin isaa jabdu`uuti kan laalchumaan nama qajeelchu .

Ammoo sheekhni kiyya kan hadiisafii fiqhi`ii sheekh abdallaahi muhammed harar sheeybaanii kan hadiisa nabii kum kudha lama haafazu kan sodaa rabbi keessa hoonga gaye kan horii boki`iitifii horii shubaan keessa jiru hin nyaanne gaafa isaan suuriyaa dhufan warri suuriya`aa akki isaan itti isa fudhatan akka sheekh abdallaahin kun khaliifaa sheekha isaanii kan badruddiin je`amu kan { muhaddisa shaam } taye inumaa muhaddisuddunyaa je`an taye maalif sheekh isaanii kanaatu namni ilmii hadiisaa keessatti bakka tiyya tana dhaalu sheekha tokko kan habasha`arraa dhufuu isa eeggadhaa je`aniin duuba isaanii mataa keessa kana qabu sheekh abdallaahi suuriyaa dhufe dhufnaan alaamaa sheekh badruddiin je`e irratti argan gama hundaan gama akhlaaqatiin gama hadiisa haffazu`uutin gama diin isaa waan is ir`isurraa tiysu`uutin gama waan nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu dalagaa je`e dalagu`uutin gara waan inni dhiisaa je`e dhiisu`uutin gara waan shari`aan dhoowwiterraa dhoowwamu`uutin laalte nama xaliila bara jahan khaddamee takkaa naman hamanne yoo namni biratti nama hamate seeqaniiti harka afaanirra kaayatan akka garaan kee hin hammaanne`eef isaan huccuu takkittii malee hin uffatan yoo namni hadiyyaa fideef irraa hin fudhatan ati an waliyyii jecha`aaf naa kennite je`anii deebisaniif yoo bira jiraate yoo namni sun lakkii ati waliyyii jecha`aaf siin kenninee ati saahiba kiyya jecha`aafan sii kenne je`een irraa fudhatan ammoo horiin hadiyyaa jaalalloonni isaa tujjaarri gugurdaan akka haaji sabri`ii haaji khaliifa`aa karaa boosxa`aatin isaa ergu bara shan keessatti duulaana habasha`aa kuma meeqaatam taaye kan waa takka irraa hin nyaatin kan san biraa beelayan hoggaa garii shubhaan horiin kiyyatti seenetan kiyyallee horii shubha`aa sanitti ida`ee tuulama karaa shubhaan nattin seenu : yoo sheekhni waa xiqqo horii halaal argatee mee hoodhaa qarshii meetaa kanaan sukkara nuu biti naan je`a duuba hogga`an dukkaana dhaqee qarshii meetaa itti kenne sukkara kiiloo takkaafii nusa qarshi`ii meeta naa kenna hogga`an fidee sheekha garsiise kun riba`aa deebisuu takkaa an kana sii kennee atis kan naa kenni je`ii karaa hiba`aatin irraa nuu fuudhi takkaa sukkaraafii waan meeta hin tayin sii kennuu karaa gurguraatin gaafin maallaqa isaanitiin sharxii guutee waa bitee waan maallaqa isaanirraa hafe borsa qamisa kiyyaa keessa kaaya borsaa san maallaqa kiyyaatu keessa jiraa kan hanganaa hin beyne duuba maallayni lamaan walitti makamaa isaan ka isaanii waa biti naan hin je`an anis kiyya wahiin hin bitu waan horiin kiyya ka isaanitiin walitti makameef hoggaa taan horii namatti iznii malee dalagu`uutu argamaa akkasittan fuudhe horii kiyyaafii kan isaanillee horii shubha`atti ida`a duuba horii tujjaarri habasha`aa karaa boosxa`aatin isaanii ergu kan kuma hedduu gayu kana biraa sheekhni risaalaa obboleessa isaanii kan dukkaana xiqqaa harar keessaa qabutti erganii maallaqa waanin haaja`aan bayu naa ergi je`aniin hogga`an yaa sheekha maalif kana dalaydan je`een horiin isaa halaal tayu`uun beekha je`an gaaf tokko namni tokko warra hararii azharitti qara`aa muhammad mahdii je`aniinii inni fira kiyyaa maalif inni kan faaximaa sheekh ibraahiim umara gurbayyeeti abbaan haadha isaa kun adeera haadha tiyyaati duuba namni kun misrarraa dhufee dimishqatti nu ziyaaree tuulaa maallaqa arge duuba maalif asitti tuultan je`ee na gaafate gaafannaan horii shubha`aati je`een jennaanin isin mi`aa maallaqaa hin beytanii an gubadhu haa gubadhuu je`ee fudhatee irraa qoofee turkiyaa dhaqee shirshiri`iin godhee misrati deebi`ee barmoota isaa oofate mahdiin kun mana barmoota lolaa kan olii kan biyya misrirraa bayee biyya soomale`etti deebi`e carcar keessatti warraaqa haylasillaase`een lolu keessaa lola keessatti baka { xir`oo } je`amutti ajjeefame { 1974 } karaa ashkara haylasillaase`eetin ilma sheekh muhammad rashiid kan ahmad taqii je`amuun wajji mahdiin ilmaan jaharraa du`e intala sulxaan ali nuur kan hawwiyya`aa fuudhee gaafas maqdishoo keessatti isaan dhiise nazmiin taariikha sheekh ibraahiim umar gurbayyee qabdo isaan bira jirti .

Dubbiin tiya ta gaafan suuriyaa keessa jirutti deebinaa gaaf tokko eegan subii salaatee manaama tokkon arge wannin arge sheekh taqiyyiddiinissubki isaa mana dheera tokko maddii bayee sheekh Muhammad rashaad manaa gadin bayu nagaya qabaa je`ee nama gaafatun arge duuba wanni je`anin sheekh Muhammad rashaad dawaa fudhatu`utti jiraa nagaya qabaa ni baya je`aniin hoggaa san hayyaa gaarii je`ee dabre duuba hogga`an hirriibaa ka`ee mana barmoota dhaqu numa tattaa`u ashkarri suuriya`aa kan nagaya eegu kan basaasaa mana barmootaa nutti seenee xalayaa teessu`uu kannaa nuun je`an ammoo nuti xalayaa san hin qabnu duuba qabaniiti anaafii ibraahiim mana hidha`aa nu geessanii nu hidhan hoggaa san warri nu beekhu hundi bakka jiruu sossoo`ee guyyuma san saa`aa lama booda mana hidha`aati nu baasanii suuraa shamsiyaa nu fuudhanii xalayaa teessumaa nuu baasanii mana barmootatti deebine maalif namni nagaya eegufii warri mangistii keessa dalagu fira sheekkotii teenyati an mataan kiyyaa obboleessi qondaala biyya keessaa halkan ishaa`ii booda dhufeeti fiqhii shaafi`ii narratti qara`a  .

Hangan suuriyaa magaalaa guddoo muummittii biyya suuruya`aa jiru barmoota oofu`uun wajji garii masjida dimishqaa keessattin imaamafii khaxiiba tayuudhan ture akkuman ulamaa`ii biraa mandaroota biya suuriya`aa kan akka himsii hamaa halab keessatti ziyaaruu ture akkasuman ulamaa`ii lubnaan dhaqee ziyaaruu ture kan akka sheekh muhammadil`arabi`ii kan akka sheekh muhyiddinil`ajuuz .

Ammallee fiqhii mazhaba shaafi`iidhaa barsiisee mazhaba hanafiidhaa baratuudhan ture naman an fiqhii  shaafi`ii barsiiserraa joollee sheekh sa`iidil ahmar muhammadiifii ahmadi joolee tana isaanii tokko bara kudha lama tokko kudhaniitan biraa deemee eega bara soddomaati biyya su`uudi`itti isaanin wal garre kan tokko makka taa`ee tokko madiinaa taa`u lamaanuu tujaara saa`aadhati akkuma abbaa isaanitti sheekh sa`iidil`ahmar abbaan isaanii jaala keenya jabaa kan mana isaa dhayne`ee kitaabbaniifii waan biraa irraa argannu inni nama tolaa odoo sujuuduu du`e aadaa isarraa dubra isaa darasaa malee nama biratti hin kennu waan ilmi`iifii warra ilmi`ii jaalatuuf sheekh abdullaahi harar jaalallee isaatii dubra kiyyaa kanan sii heerumsiisa je`ee khadhateen haa tayuu sheekhni ni dide waajiba nabsee tiyaatu hin dandeenyeen waajiba lubbuu biraa ifitti ida`aa je`ee sheekh abdullaahi wanni jaartii isaa biyyatti hiikhef hoggaa salaattu hirpha if dhoysi jecha`arratti hiike tan ilma isaanii abdurrahmaan isaani dhalte adaaree yookaa haadha isaa biraa magaalaa harar keessatti duuba mucaa isaanii magaalaa hararitti dhiisaniti shaam dhaqan duuba hoggaa inni mana qur`aana geessuu gayuu shaamirraa haadhafii obboleessa isaa abdulkariimitti xalayaa barreessee mucaa kiyya qur`aana adare`ee narraan geessinaa je`een akka malee narraa qaraasisanii ilmi isaa amma islaamatti nama yaamu`uuf awusturaaliyaa dhaqee biyya intalti tiya faaximaa ilmaan isi`ii muhammadiifii abdulhakiimin haanim wajji jirtu jiru aadaa sheekh abdullaahirraa afaan arabaa kan qur`aanafii hadiisaa malee hin dubbatu sanuu guyya`aafii halkan keessatti hanga inni dubbate lakkaawuu dandeessa arrabni hoggu takka zakri`irraa lafan bu`u yoo dirqiin goote malee sheykha abdullaahi gaafa biyya jiru haylasilaasen qabu`uuf itti ka`ee ashkara itti ergee sayyaaraa yaabbachiisan haa tayuu ummanni bayee sayyaaraa deemuu dhoowwanii irraa buusan wanni mangistiin haylasillaase`ee isa barbaadduf ummanni isa jaalatu`uufii bareedumina isaatifi wanni mangistiin hayle`ee seete inni ilma mootii islaamaa kan hayleen mootummaa irraa fudhate kan { iyyaasuu } je`amu inni oromicha ilma oromichaatii abaan isaa raas miikaa`iili kan adeera isarraa mootummaa fudha`uuf kafare adeerri isaa abbaa waxooti je`amaa raa`isa warra wallootii odoo hin kafarin sheekh Muhammad alii je`ama duuba harka axii yuhaannisirratti kafaree kan eegasii intala mililik fuudhee mootummaan habasha`aa hundi harka isatti deebitee eegasii mootummaan harka ilma isaa iyyaasu`utti deebitee eegasii mootummaan harka haylasillaase`etti deebite akkanatti raas miikaa`iil kafaree ashkara guddaa argatee wasiilaa isarraa mootummaa fudatee dubbiin odoo deemtuu harka haylasillaase`ee seentetti haylasillaasen isa kan sheekh abdallaahii harar biyyaa baase sheekh abdullaahi wanni biyyaafii alattillee beekkamaniin waan gaari`itti nama kaasu`uufii waan hamtu`urraa nama dhoowwu`uun jabeessuu namni qur`aanafii hadiisafii ijmaa`aa ulma`aa khilaafu isa birratti nama badaa tanaaf jecha { qaadiyaaniyyoota } warra nabi mahammad booda ergamaan biraa ni dhufa je`u kanneen nabi iisaa yahuudan ajjeeftee rarraafte je`u dura dhaabbatee nasri`iifii isaanirratti deebisee habashaa keessaa bakka dhaabbatan kute takkaa dhoowwe sheekhni eega shaamitti hijraa bayanii bara hunda shaamirraa hajjii godhanii deebi`uu turan duuba bara tokko warra biyya teenyarraa hajji dhuferraa wanni dhagayan haati tiyya na arguu feetii haanaa dhufuu jechuu duuba hoggaa hajji`irraa deebi`u wanni naan je`e haatee si yaaminsa isi`ii owwaadhu astaa`un kee haraamii gali haa si agartuu naan jennaan tole je`een .

BIYYATTI GALU`UUF QOPHAAYUU

Duuba eegan mana barmootaa kan fathul`islaamii je`amu keessatti yaroo bara jahatti dhiyaattu keessatti waa baradhee raga muftumma`aa fudhadhee bara 1957 karaa bahariin beyruut mandara guddaa lubnaanirraa markaba yaabbadhee mandara biyya misraa iskandariyya`atti bu`ee achirraa biyyaa ahmadalbadawi`ii { xanxaa } dhaqee saahiba kiyya sheekh sayyid Muhammad naqashbandii kan qur`aana akkaan qara`u kannabi akkaan faarsu kan raadiyoona misraa keessaa dabarsu bira guyyaa sadii taa`ee achirraa qaahiraa mandara guddaa misraa kan azhara keessa jiru dhaqee azhar keessa ruwaaqa jabarti`itti bu`ee miya achi kaayadhee qabrii imaamushaafi`iidhaa ziyaaru`uuf baabura hadiidaa kan toromaayaa je`amu yaabbadhee maqaama shaafi`ii dhaqee ishaa`ii achitti salaatee masjiduma keessa taa`e kan musaafira tayuun narraa , mul`atu duuba namni tokko dhufee narratti salaamatee maalin sii godha je`ee na gaafannaan baaburra azhar deemu na garsiisi je`een baaburrin an dhufeen maqaama shaafi`iidharraa fagaateti dhaabbataa qooyxi isaa hin dhagayamtu an maqaamarraa gam kana dhaabbataa hin beekhu duuba namichi sun naan deemetti jara tokkorraan nu goree nyaata nuu kennanii isaan ashkarraa isaanirraa namni tokko akki je`een jirma buuba kana naa kenni jennaanin abbaa kiyyaatu naa dhaamee hin kennu je`een ammas akki je`e jamaalabdunnasreetu dalagaa waa barsiisu`urraa na ari`ee dalagaa hin qabu je`e duuba jara san biraa naan bayee karaa baaburri dhufuu mitii karaa biraatin na deemee gaara shifta`aatin na seene kan gaara { muqaxxam je`amuun na seene bakkeen sun qabroota durii lafee namaa tan nama shiftaan fixee malee bakkeen sun namumaanuu wal quban qabdu shiftaa malee hattuu malee wanni qubatu hin jiru duuba namichi sun horii meeqa qabda naan je`e jinne dhibbaafii diiddama je`een hogga`an an akkas je`uun gammadee koottaa tabba tana achi tarkaafannaa je`ee bakka itti dhayee na ajjeesutti achi tarkaanfatu qaamni na suukhannaayee waan inni naa deemuf beekhee if maddii mil`adhee mil`annaan baabura azharitti deemu kan fago`oo karaa qaxxaamurun arge anaa tabba gubbaa jiru agarraan ka`eetuman karaa baaburri irraa naa mul`ate sanitti ceyiinsa itti if gad lakkise namichi sunis na jala ceyuu itti if gad lakkese baaburri naa gara isaa ceyu halaalaa na garraan naa dhaabee anaa hafuurri ciccitu baabura kore namicha sunis akkuma ceyuun na jala baabura kore duuba wanni naan je`e maallaqa naa kenni naan je`e an siin kennun je`een akkanatti karaa dheeraa na wajji deemee hoggaa miidaana azhar geenyu na jala bu`eeti an biyyan beekku na ajjeesa je`ee maallaqa waa kenneefii narraa bu`e hoggaa inni dabru anis bu`ee mana darasaa habasha`aa kan azhar keessa jiru kan ruwaaqa jabarti`ii je`amu bakka meeshan tiyya jirtu qubadhe akkanatti rabbiin du`a jalaa na baase galanni kan isaatii .

Namni dikkaa beyruutitti na geegesse jaala kiyya jabaa sheekh muhyiddiinil`ajuuz qaadii firdii beytii beyruuti { lobnaani } wannin achirraa gara misraa yabbaadheef karaa saniin biyya hariritti galu`uu jecha kanan raga bormootaa kan zamanaa harkaan qabne wannin an harkaa qabu ragaa ulamaan takkaa sheekkotiin namni kun bormoota islaamaa hunda waliin gaye jettee naa barreessite kan mallattoo mana barrmoota kan zamanaa firmaa harkaa malee hin qabne waa inni mana barmoota zamanaa hin tayiniif gaafa san ulamaan suuriya`aa shahaadaa yookaa ragaa mana bormoota zamanaa ni jibbiti wanni isaan je`an shahaadan tun waan barmoota guutuu baratuu nama dhoowwu je`an dhugumaa namni kitaaba jalaa qabee hin buufne kan yoo kitaaba tokko harka afurirraa harka tokko qara`e fixe je`anii ragaa baasu`uu kennaniif , duuba namni kitaaba tokko baaba isaa hunda hin qara`in akkamitti aalima je`ama haa tayuu dhabarraa nicaala .

DARASAA HABASHA`AA TA MISRA JIRTU TA AZHARITTI WAA BARATU

Hoggaadhan misra dhufee darasaa biyya teenyatiin wal garree wal odeeffannu waan an isaan dura biyyaa bayef haala barmoota kiyyarraa na gaafatanii ragaa barmootaa kaniin qaburraayis na gaafatanii wannin je`een : an ragaa barmoota jalqabaa kan barmoota lammeeysa`a kan barmoota gubba`aa hin qabu wannin an harka qabu ragaa ulamaa`in suuriya`aa namni kun barmoota islaamatiifii barmoota afaan arabaa fixe je`un harkaa qaba je`een jennaanin hangana ala teessee shahaadaa yookaa ragaa zamanaa malee biyyatti deebi`uun waan hin mallee azhar seenii shahaaduma takkallee taatu mee argadhu odoo ta jalallee taatee naan je`an tanaafan iyyata yookaa gaafii azharitti barreeffadhee duuba ulamaa`irraa warra gurguddaa hoonga beekkomsa kiyyaa laalu filanii ilmii hundarraa na gaafatanii himeefii akkasitti akkan an jaami`aa { yoniferistii } seenuu haqa godhadhu arganii haa tayuu waannin ragaa sakandari`ii yookaa shahaadaa saanawiyya`aa hin qabneef akkan mana barmoota kan saanawii azhar bara dhumatti jiru sii imtihaana fatanaa seenee hoggaasan imtihaani yookaa leenjifni dhiyaatee shahaadaa saanawi`ii fudhee jaami`aa seenu naa muran duuba imtihaana seenee qalama cabsee yookaa imtihaana yookaa leenjisa baasee ragaa saanawi`ii argadhu .

Ammas darasaan biyya teenyaa mala naa dhawuudharaa hin dhaabnee wanni naan je`an baga ragaa sakandari`ii argattee amma biyya galu`urraa sin dhoowwinuu haa tayuu jaami`aadhatti maqaa kee katabii deemii galii yoo bitti sii taate taa`i yoo sii tayuu baatte deebi`ii bakka maqaan kee jiru seenii barmoota kee oofadhu naan je`an akkasittan jaami`aa qaahira`aatifii jaami`aa azharitti maqaa kiyyaa barreessee biyya deemu`uu muradhe haa tayuu mee akkaataa kuliyya`aa haa laaluu je`eetan kulliyyaa aadaab ta jaami`aa qaahira`aatifii kulliyatu usuuliddiin jami`aa azhar lachuu waliin oofuu jalqabe takka ganama dhaqee takka galgala dhaqee . booda keessa kulliyya usuuliddiin jaami`aa azhar filadhee bara afuritti fixee irraa baye wannin kulliyyaa azhar filadheef mangistii misraatitu namni biyya alaatii dhufee misratti waa baratu bakka barmootaa lamaan biyya misraa jirturraa gama tokkotti goree haa baratuu bakkeen barmootaa lamaan azhar takkaa qondaala barmootatiifii guddisaatii bakkeen lachuu nama isii keessatti qara`uuf damooza takka qallaba kenniti namni tokko bakka lamaanirraa damooza nyaatuu hin qabu wanni isarra jiru lamaanirraa takka filatuu.

Tanaaf jechan mana barmootaa kan zamanaa kan azhara je`amu filadhee seenee mana barmootaa kan olii kan { kulliyyaa usuuliddiin } je`amu bara 1962 tti fixee irraa baye ragaa beekkomsa gubba`aa { leseensi } yookaa { aalimiyyaa } je`amu irraa argadhee ammas saniin wajji ragaa caalinsaa argadhe waanin jaami`aa { yoneviristii } azhar kulliyyatu usuuliddiin keessatti tokkoffaa tayee bayeef jechan shahaadaa yookaa ragaa caalinsaa argadhee ragaa caalinsaa san ayyaana yookaa iida beekkomsaa tan bararraa biyya misraa keessatti godhan tan 8 keessattin harka jamaal abdulnaasirirraa fuudhe haala kanarraa dhaabbadhee afaan biraatin akkaan

 Akkuman ragaa dukkoorumma`aa akkaadimiyyaa beekkomsaa tan afaanii tan biyya soomaale`ee tan maqdishoo keessa jirturraa fudhadhe kitaaba afaan oromo`ootin afaan soomale`ee walitti laalu takkaayuu waan walii tayu laalu barreessee kitaaba san ergaa biyyaa ingiliizirraa deemtu tan afaan soomale`eetifii afaan oromo`oo gaalla`aa baytu kan endorwiiskii itti mata`aa laaltee darajaa duktoorumma`aa haqa godhataa murte inderoowiskin bareeffama hedduu afaan oromo`oo keessatti barreesse odu doroon inni kitaabban isaa kan afaan oromo`oo keessatti barreesse takka akki jettu dur ba`aan hoggaa yaman ifumaan deemtee dhufti namni hin ba`atuu duuba gaaf tokko jaartin takka naatetii garaa laaftee ol fuutee deemten eegasii ba`aan hoggaa yaaman dhufu didde duuba sun argamnaan manguddoon oromo`oo baasatu dhalatee bayaa je`anii hayyoota walitti yaaman sun aadaa oromo`oo yookaa gaalla`aatii kan hoggaa wanni haaroyni argamte hayyoonni isaanii wal gayu. duuba hoggaa manni guutamu oduu ba`aadhaa walitti himanii waan dalaguun isaanirratti jirurraa wal gaafatan duuba eega malli namuutu laalamee eega sababaa ba`aan akka duritti dhufuu diddeef baranii wanni irratti walii galan akka jaartii ba`aa balleessite tana yakkan inumas isii yakkuu qofarratti hin dhaabbannee waan dhalaa tayee hunda yakkan waan ba`aa taye dhalumti haa ba`atuu je`anii .

GOSA BARMOOTAA KIYYA

Barmoota kiyyatti rarra`u waan an suuriyaa keessatti baradherraa beekkomsa akhlaaqaa hanga ihyaa  uluumiddiinitti . beekkomsa nahwi`ii hanga mughnillabiibitti . beekkomsa adabaa hanga albayaan wattabyiinitti .beekkomsa tawhiidaa hanga musaayara`atti . beekkomsa musxalaha hadiisa hanga tadriiburraawi`itti . beekkomsa hadiisaa hanga jaami`ulusuulitti beekkomsa tafsiira hanga jalaaleyni`iifii nasafi`itii . beekkomsa fiqhi`ii hanga { nazmii haawi`itti } beekkomsa taswufaa hanga { risaalaa } qusheyri`itti .beekkomsa hikma`aa hanga { iiqaazulhikam } sharhulhikamti . manxiqa hanga hawaashii sullamitti . beekkomsa usuulaa hanga jam`uljawaami`itti akkasuma wannii hisaaballee qara`ee kanarrattin ijaazaa ulamaa`iidhaa argadhe waanin hangan suuriyaa jiru dalagerraa kitaaba lama kan sheekh abdullaahii waan harar naasirul`albaani`irratti deebisu`uu jecha barreesse maxxansuu . yookaa xabba`uu kitaabni tokko { atta`aqqubulhasiis alaa man xa`ana fiimaa sahha minal hadiis  التعقب الحثيث  على من طعن فيما صح من الحديث  } wanni barreessef naasirul`albaanin hadiisa safiyyaan warri nabii hoggaa tasbiiha gootu dhagaa xixiqqaa walitti qabatteeti hanga tasbiiha goote lakkooyti je`u inni da`iifsinaan sheekh abdullaahii harar harkatti qabee kitaaba kana itti barreesse sheekh naasiriin kun warra albaniya`arraa suuri`atti gale gaafa shuyuu`in biyya isaanii qabatte inni gaafa duraa nama goojjoo xiqqoo takka godhatee saa`aa badde namaa tolchu . kan qaaxaroo namaa qabe hin dabarsini haa tayuu ulamaa`ii suuriya`aatin wal hin tayuu tayu duuba majallaan { attamaddunul`islaamii } je`amtu tan { zuheyra shaawiish } je`amu itti mata`aa horii argannaan nama waan suufiyyootafii warri mazhaba afranii dalagu jala deemee balleessu isiidhaa katabu yookaa keessatti isi`ii barreessu barbaaddattee naasiruddiin albaanii kana argattee inni horii argannaan saa`aa tolchuu dhiisee mana kitaaba kan { almakkatabatuzzaahiriyyaa } je`amtu seenee hadiisa da`iifa majallaa san keessatti katabuu jalqabe wanni jalqabeen hadiisa safiya`aati . kan da`iifa je`ee itti mure . hoggaa san sheekh abdullaahi hadiisni sun sahiiha je`ee kitaaba dubbanne san itti barreesse duuba sheikh naasirul`albaanin waan kitaaba sheekh abdullaahi keessa jiru fudhatuu dide sheekh abdullaahi waan kitaaba isaa san tumsu barreesse kan { nusratuttaaqqubilhasiisa نصرة التعقب الحثيث  } je`amu ammas wannin maxxanse barreeffama xiqqaa tokko kan sheekh bakhiitilmuxii`in fuul duraa kitaaba taqiyyiddiin subki`ii kan { shifaa`ussiqaam fii ziyaarati kheyril`anaam } je`amu kaaye duuba duree yookaa muqaddimaa isaa sanin kitaaba sanirraa kophaa baasee maxxansee maqaan isi`ii { taxhiirulfu`aad min danasil`itiqaad تطهير الفؤاد من دَنِسَ الاعتقاد  } ammas kitaaba xiqqaa tokko kan nabi ziyaaru`uuf fe`atanii bayuun ni barbaadama je`amu kanin qur`aanafii hadiisafii ijmaa`afii qiyaasan raggaasisen barreesse yookkaa allafe kitaabni sun amma soomaale`ee jira .

Ammoo wannin azhar keessatti baradhe: manxiqa duriifii manxiqa amma kan waa tolchuu nama barsiisu . falsafaa .towhiida usuulalfiqhii . ulumalhadiis musxalah , uluumalqur`aan , tafsiira , beekkomsa haala namaa kan laalchaa beekkomsa haala namaa kan taliga`aa , nahwii heera taliga`aa , ilminnafsi , ilmil`ijtimaa`a , jograafiyaa , ingilliiz , barmoota miya lolaa balaaghaa , taariikha islaama duraa taariikha islaamaa taariikha amma kan zamana jiddu jireysatiin wajji taariikha warraaqota addunya`aa .

Hangan misra jiru kitaaba sadeen bareesse isaan :

1 taariikha harar kan taariikha ahmad giraanyii keessan namaa mul`atu .

2 waajiba diinifii kan dunya`aa , kan biyyaa kan sheekkoti`iifi , dargaggeessarra jiru .

3 walaloo hamilee dammaysu`uu inni manzuuma`a . akkasum manzuumaa faaruu nabii nageenyi isaanirratti haa jiraatuu hedduudhan barreesse afaan oromo`ootifii afaan arabaatin kitaabban kanaanan majisteera fudhee .

EEGAN AZHARIRRAA BAYEE

MAALIN DALAGE

Eegan azharirraa baye mana barmoota olii kan { ma`haduddirraa-saatul`islaamiyyah } je`amu seenetan bara tokko keessatti waa baradhe , eegasii biyyatti galu`uu ka`ee haa tayuu waan mangistii habasha`aatifii safaaraa isi`ii tan qaahiraa jirtuttu balleessineef jecha , biyyatti deebi`uu hin dandeenye maalif nuti ormi islaamaa ka misratti waa baratu hundi warra baasaboortii malee karaa soodaanin misra eega seennee mangistiin misraa haala keenya nuu beytee baasaboortii malee waa baratuu nuu eehamte duuba bakka addootin takkaa jabhootin afrika`aa tan bilisummaa barbaaddu itti wal geessu hundatti haala keenyarraa dubbannee miidhama keenya himanna . hoggaa haylasilaasen biyya misraa dhufu hunda salfii baanee miidhaa teenya itti himanna safaaran yookaa imbaasin ummata addunya`aa tan qaahiraa keessa jirtu marti  barattoota biyya isi`iitif baati`irraa damooza kennitti .

Ammoo nuti barattoonni islaamaa san hin argamu ammoo darasaan habasha`aa ta kiristaanaa tan diin kiristaanaa baratu`uuf mangistiin habashaadhaa ergite safaara`arraa horii guddaa argatti duuba Jamaal abdulnaasir bilisummaa barbaadaf sosso`utti nu kaasee safaaraa habasha`aa marsineeti caccabsina haa tayuu humaa irraa hin argannu .

Gama tokkoon mangistiin warra hawaashii gadii maqaa harariin amatarraaa nama saddeet warra baasaboortii malee misra dhufe qeebaltee barsiifti tanaaf jecha wal deenyi barattoota barmoota harar jaaramee jira . duuba waanan warra qabuuf jecha bakkeen waldeenyi kun taa`u mana kiyya nama nurraa barmoota isaa guuttatee habasha`atti galu mangistiin haylasilaase`ee garii ni ajjeefti garii ni hiiti garii dalagaa dhoowwattee mana isaa keessatti ittifti namni dhokatee jalaa bayee biyya biraa dhaqe isaatu irra hiree tola tanaaf jecha warri mangistii habasha`aa jalaa badee misra dhufee waa barate biyyatti deebi`uu sodaatee biyya biraa dhaqee jiraatu`uuf tattaafata godha . isaanirraa nama biyyatti galee mangistiin habasha`aa hiitee keessaa bayee biyya su`uudi`ii dhaqee hanga ammatti dammaam jiruutu jira isaanirraa nama sufaraa`ota islaamaa kanneen misra jiranitti iyyata kennatee biyya isaanitii dalagaa argatuutu jira . gariin su`uudi`irraa argatee gariin maghribirraa gariin jazaa`irirraa gariin liibiya`arraa argatee akkanatti bitti teenya warra waa baraterraa hoongoyte , sababaa warra biyya teenya harkaa qabuutin .

Ammoo an waannin irra caachise biyya tiyyarraa fagaatuu dhabu waanin kitaabban taariikhaa hedduu barreessef waanin yaada warraaqaa guutameef waan sababaa biyya arabaa na geessiterraa tokko biyya arabaa dhaqee saa`aa bitadhee bombii bitadhee biyya tiyyatti deebi`ee ashkara biyya sanii lafarraa fixuu tayeef jecha waanin waan lolaa biyya suuriya`atti baradheef jecha kan sheekh { abdulhakiim } khaxiibni jaami`a umawi`ii guyyaa jum`aadhaa hunda naannoo masjida umawi`ii keessatti lafa nu dhiichisiisee , waan lolli yahuuda`aa dhiyaatef ammallee waanin azhar keessatti waan lolaa bareef jecha biyya tiyyatti deebi`ee biyya tiyyaafii ummata kiyyarraa roorroo nyaabaa sanii deemsisuu , takkaa biyyatti dhiyaadhee waanin mata`aa qabuufii waanan bareessee kitaaba keessaa qabu ummata kiyyaan gayee dammeysuu sun waan an bombi`iifii saa`aa biyya arabaatii bitadhee deebi`ee ashkara nyaaba fixa je`ee biyyaa tiyyaa bayeef sanirraa harka heddu`uun caaluu ma`naan kanaa yaanni bilisumma`aa kan mataa ummata seenee isaan dammaysu kan karaa bilisumma`aa isaan garsiisu xiyyi`iitifii bombi`iin nama fixu`urra caala jechu`u

Duuba rabbiin waanin yaade bakkeen naa gayu`uu jecha wal hedduu na qunnamsiise sanirraa tokko rabbiin bilisummaa soomale`ee kennuu kan biyya soomale`ee kan isti`maararra addaan qoqqooderraa harki lama bilisoome mangistiin soomale`ee dhalate bara 1960 yoo guyyaa tokkorratti hoggaa sanan jinsiyaa soomaale`ee fudhee wannin azharirra barbaade akka biyya soomaale`etti na ergu barbaannan naa eehamee na erge akkasittan bara 1963 baatii yuunyo`oo biyya soomaale`ee dhaqee waa barsiisuu karaa azhariin jalaqabe hisaaba isarratti kan damooza kiyya kan naa kennuu mure garii warra kiyya kannin misratti dhiisef kennee kaan soomaale`etti naa ergu maalif an gaafan biyya suuriyaa jiru takkaa dhalaa ijaan hin agarre ammoo misra dhufnaan saniin adda hoggaa saniin diin kiyya tiyfatu`uu jecha odo`on kulliyyaa ussliddiin keessa jiruu intala takka tan { zahiira mahmuud hariidii hijaazii } je`amtu mahrii godhee akka aadaa misratti fuudhe aadaa misraa ta dur namuu ni beekha yoo amma dhiisan malee duuba ilma tokko naa dhalte eegasii wal dinnee hiikhe .

Wanni wal dinneef gaaf tokko odoo si`erra wajji ciceefnu waan naatu sirra bareedaa beysisu jette isiin akkaan bareeddii wanni jette nuti warri misraa wanni jennuu { rabbi nama bareedaa lama siree takkarratti walitti hin qabne } jette hoggaa san qalbii tiyya keessaa baate anis waa gurraachaa mitii magaalaa haa tayuu isin bareedduu duuba hoggaa sanan waan sheekhni keenye sheekh saalih furfuur suuriya`atti nuun gorsuu ture yaadadhe waan isaan nuun je`uu turan dhalaa waa takkaan isinirra caalu hin fuudhinaa jiruu isitti busheessitii . tanaafan tan naatu sirra bareeda jettu hiikhe ammas haati isiidhaa dubra isii qofa qabdii intalti isi`ii na wajjiin biyya tiyyatti galuu hin feene . ammas haati isi`ii dubbii teenya keessa seenti yoon ganama waan kana godhi je`ee mana barmootatti dabre dhufteeti yaada isi`ii gara galchitee . gaaf tokko isii mana kiyya jirtuun mana barmootarra gale kanin eegan mana dheeraa fooqii shani bayee mana kiyya gaye hogga`an ol seenu jaartin kaateti akkuma aada`atti kootii narraa baaftee fanniftee kophee narraa baaftee bishaan na ubaafte hoggaa san haati isi`ii sheekh rashaad dubri keenye shariifa`aa kophee namarraa hin baasu naan jette duuba dubbiin isi`ii tun natti ulfaatte . maalif shariifaa kabajuun odoo barbaadamu haa tayuu kun wal gargaaruu je`ama malee wal xiqqeessuu hin je`amuu akkamitti akkas jetteenii jaartii tiyya natti balleessiti je`e aara jaba aare achirraa wal dheeysun walitti hammaatun nu jiddu`utti argamte maalif intalti isi`ii joolle`ee yaada kiyyaafii yaada haadhaa wal fudhachiisuu dadhabdee kan jala gortu wallaalte ammas sodaan intalti isiidhaa na wajji biyya tiyyatti galuun haadha isi`ii qophaa dhiisun qalbii haadhaa guuttee akkan intala isi`ii hiikuf dalaga`aafii haalalle`een fedhii irratti arge . amas obboleeyyan isi`ii kan haadhan addaa haadha isi`ii jabaadhuu ifirraa dhoowwi . tun mana kee dheessii addunya`aa ni diiydii yoo karaa biraatin dadhabde boolisiidhan ifirraa dhoowwi nan je`an . an waal ilmaan masaanu`uu tayuun akkas isaan jechiiftu hin seene . abbaan isaanii du`ee edaa isaan waan masaanumma`aatu keessa jiraa dubbii walii akka hama`atti fudhatan akkasittan meeshaa manaa hunda dhiisefii tiyaatifii meeshaa isi`illee fudhu je`een hiikef ilma naa dhalte kan baatii sadiyii kan mahmuud je`amu fudhattee mana haadhatti galtee naafii isiin addan cinne gurbaan kiyya sun isaa baatii saddeetiti misratti du`e .

Adaa misrarraa namni fuudha fedhu biiroo yookaa mana dhalaa dubraafii dubartii ganda isi`ii keessa jiru hunda addaan beekhutu jiraa isi`itti dhaqee fuudhan fedhaa je`een duuba wanni jettuun dubramoo dubartii qaali`imoo rakhisha dhiirti itti dhayxee waan fuutu irra barbaadu dhalaan heeruma feedhus dhiira akkanaatan fedha jettee waan adda nama dhalaa namatti fuudhuu godhan godhaniif yookaa kennaniif namni alaga`aa mana biyyaa seenee dubra fedhu laallatuu hin dandayu tanaaf dhalaa nama hunda beekhu kan mana hunda beekhuu dandayutti dhaqanii waan fedhan itti himatan . duuba nama kana fuuteti mana hundaan seentee intalti qahwaa fiddii akkaan laalladhu jettiin isi`iinis nama kanan sii fidee laalladhu jettiin duuba hoggaa biraa bayan sii taatemoo siin taane jettiin yoo naa taate je`e gaafa kaan itti deebi`an isi`iinis sii tayemoo siin taane jettee gaafatti . duuba yoo wal tayan akkaataa hamartii itti kaayataniifii akkaataa fuudhaa itti guutan dalagan .

Hamartii isi`iifii isattillee kaayan hamartii yookii qubee isi`irratti maqaa isaati barreessan hamartii isarratii maqaa isi`itti barreessan ammoo yoo ta arge sun isaaf hin tayin tan waliin galle faa taatee naan taane je`aanii mana biraa geessiteeti dubra biraa garsiiftii hanga ta isaan maltu argitutti jalaa hin haftu maalif isaafii warra intalarralle`ee horii fudhatti .

          Duuba an dhala`an fuudhu barbaadafan biiroo jaartii takkaa dhaqe hogga`an dhaqu wannin achitti arge nama intala heeromsiisuu fedhu qabu duuba waan inni nama hayyuu jabaa tayuun isaa mul`atuuf jecha wanniin je`een mee intala san na garsii si je`een duuba mana isaanii na geessee hogga`an argu qalbii na buute qissaan intala sanii hunoo akkana maqaan isi`ii { haanim baashaa mabruuk } ilma eessuma je`ama isi`iitu khadhatee meeshaa manaa uffata hunda akka gaari`itti qopheessanii qaaxaruu fuudhaa qaban inni isii khadhate jaartii biraa qabaatuu turee ni  hiike malee . wanni duraan irratti walii galan jaartii hiikhe san deeffatuu dhabuu . haa tayuu wanni dhageesse akka jaartii isaa deeffatu`uuf jaatanii godhu`utti jiru odoo qaaxaroon sun hin gayin hoggaa san itti heerumuu didde . inumaa diduu qofarrattiin dhaabbannee odoo qaaxaroon sun hin gayin  akka heerumtu dhiira isi`ii kan haadha isi`ii qabu tattaafata godhe akkasittin fuudha daddaffi`ii argadhee fuudhe , kanan waa takka ittin baasin kun waanin jaartii duraa saniif miya hunda dhiisef rabbiin fuudha baraka`aa kana bakka naa buuse,maalif rabbiin nama waan takka rabbi je`ee dhiisef waan san caalu kennaa jechu`uutu hadiisatti dhufee .wanni kana dalaganiif gurbaa eessuma isi`ii kan baallama isi`itti diige san aarsu`uuf jecha . akka odoo inni jaartii isaa san hin deeffanne heerumtu  godhanii ammoo gama kiyyaan rabbiin naa dirmatu`uu jecha san dalage rabbiitu beekhaa .

Akkanattin jaartii tiyya tan { haanim baasha mabruukh } fuudhee barmoota kiyyarratti na gargaartee barmoota kiyya fixe .isiin odo`on misra jiruu intala azzaa je`amtu naa deesse wannin maqaa kana isii baasef , odo`on kitaaba akkaata ummanni keenya itti guddatu dubbatu barreessuu takkaayuu allafuudhatti jiruu dhalatte jech`aaf , danboobafi gaafan biyyaa misrati hisaaba azharirratti baye , isi`iifii intala tiyya azzaa misrattin dhiisee soomaalee dhaqe warra azhariin wajji dalagu`uu jecha .duuba azhar  damooza kiyyarraa warra kiyya haanimiifii azaadhaa waan jiraataniin horii kenneefii waan isaanirraa hafe soomaale`etti naa erga hogga`an dura biyya soomaale`ee mandara maqdadhoo`otin bu`e waan dirreen xayyaara`aa achi jirtuuf , ammallee waan biiron { maktabni } azhar achi keessa jiruuf jechan maqdasho`otti bu`e yaroon maqdishoo seene yaroo mawlidaati kan masjida sheekh abdulqaadir keessatti ummanni wal gaye mataa biyyaa  { aadam Abdullaahirraa } qabanii hanga jalatti . duuba mataan barmoota azhar wal gaya yaadannaa mawlida nabii kanarratti waan mawlidatti rarra`u dubbadhu naan je`e duuba dubbadhee ummata sossoose .waanin achitti je`erraa { obboleeyyan kiyya yoo ar`a kan yaadannaa mawlida yookaa dhaloota nabiitif kan asitti wal geenyu taane sun haqa keenya maalif nabiinu guyyaa dhaloota isaa yaadatuu ture guyyaa san keessa ibaadaa rabbi godhee galata rabbii galchee tanaaf guyyaa isniinaa hunda soomana .tanaaf maalif guyyaa isniinaa soomanuu heddommeysitan je`anii gaaafannaan baraa sun guyya`an keessa dhaladhee guyyaa rabbiin rahmata aalamaa na godhee na mul`ise. ergamaan rabbi ni`maa dhaloota isaanitiin namaa mul`ate kanarratti ibaadaa godhee rabbiif galata galche akkasuma qur`aana qara`anii nama nyaachisanii yaadatuun ni barbaadama akkasuma guyyaa kudha lammeysaa rabii`al`awwal lakkooysa isi`ii kanarratti ni`maa dhaloota nabiitin namaa argamte yaadatuu shari`aan karaa nuu gootee jirti odoo guyyaan kudha lammeysa`aa sun guyyaa isniinaa tayullee baatee . maalif asitti wanni laalamu lakkooysa malee guyaadhaa miti tanaaf nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu gaafa madiina`atti gale yahuudaa kurneessaa baatii muharram soomantu argee maalif soomantan je`ee gaafannaan wanni soomannuuf kurneessaa kanaatu guyyaa rabbiin muusa`aafii ummata isaa najaa baasee diina isaa fir`awnafii ummata isaa bahara nyaachise tanaaf galata rabbi galchu`uuf jecha soomanna je`aniin jennaan nabi muhammed nageenyi isaanirratti haa jiraatuu nuutu waan obboleessa keenya muusa`aa argamerratti rabbiif galata galchuu irra haqa godhata je`anii kurneessaa ashuurra`aa soomananii soomanu`utti nu ajajan odoo guyyaan sun guyyaa jum`aadhaa kan rabbiin isa keessa nabi muusaa nagayaa baase tayuu baatelle`ee waan lakkooysi zamana ni`maan keessa argamtee laalamuuf jecha . guyyaa ni`maan keessa argamtee mitii sun akkuma rabii`alwal kan guyyaan kudha lammeysa`aa isniina tayuun hin laalamne

Duuba achirraa {malaan malaan } yookaa mudiirri azhara bakka dalagaa itti naa qopheessan bura`otti na erge akkan mana bormoota islaamaa kan bura`oo jirutti barsiisee masjida guddaa mandara bura`oo keessatti khuxbaa jum`aadhaa qara`uuf jecha . {bura`on } hargeysarraa gara bayaati jirti isiin biyya biyyeen isi`ii , namni isi`ii dheenni isi`ii , foon isi`ii akkaan gaari`iiti . gaafas 1963 foon hin mizaanan luka re`ee guddo`oo shilingii lamaan namaa kennan kan amma 1968 lukni tokko shilingii kum diiddamii oliin bitamu azhar damooza kiyya { jinee diiddama } godhe sanirraa kudhan naa ergee khudhan warra kiyyaa misratti kenna duuba eega bara tokkootii azhar warra kiyya haanimiifii intala tiyya azzaa bura`otti naa erganii isaan argee yaada baye kannin san dura yaanni intala tiyya azza`aa na ajjeessuu gaye haala kiyyaafii haala isaanii keessatti walaloo afaan arabaa heddu`un tolche wannin intala tiyya azza`aaf akkasitti maraadhef isii dhalattee baatii lama geessen odo`on argaa isi`ii hin quufin biraa deeme akkasutti rabbiin walitti nu qabee dalagaa tiyyaa qalbii takkaan ooffe buro`oodhaa ilmi kiyya khaalid 1/11/1964 dhalate buro`oodhatti walaloo joollee oromoodhaa tolche isiin

 joollee oromoodhaa isin yaammannaa

                                baraa     waa hundaafuu isin abdannaa

isin guddisuudhaa lubbuu khenninaa

                                nu         wajjin jiraadhaa bareedan isin

baraa  isiniin  hayn'i nuu  mul'ataa

                                waa beekhu'uun bar sabni nuu guddataa

nu yoo lolli eenyukka'ee dubbataa

                                mataa  biyya teenyaa  numaan  ol  qaban

tokkummaa biyyoo teenyatiif ol je'ii

                                xilaatan       lolu'uu bakka hundaa ka'ii

dargoo oromoodhaa  dafii sosso'ii

                                baraa        biyya fiitii akkaan  hojjatan

tolaan  oromoota walii galchinaa

                                xilaata     nu keessaa dirqi'iin darbinaa

biyyoo teenya hundaa waliif tunsinaa

                                baraa     biyya hundaa isin yaammatan

harkaafii garaadhan waliin ol ka'aa

                                biyyoo    teenya jaarraa dafaa sosso'aa

jiruu saba keenyyaa je'aatii du'aa

                                baraa    biyya        hundaa isin abdatan

ilmaan oromootaa jaynootii ka'aa

                                ni deemna karaa  guddinaa nuun bu'aa

mataan keenya haa guddatuu ol je'aa

                                baraa   dhiira   fiitin  biyoo    eeggatan

nu bar oromoota isaan  guddatuu

                                qeyron   biyya teenyaa ol haa mul'atuu

mataan orma keenyaa nuu haa dubbatuu

                                isaan   saba miidhan biyyaa haa bayan    

 

buro`oodhatti kitaaba zaadussuwaar li tahriiril`aqxaar زاد الثوار لتحرير الاقطار   } je`u tokkon tolche inni kitaaba guddaaa gaarii inni mujjallada lama ni gaya maqaan isaa afaan oromo`otti { sinqii yookaa galaa warra biyyaafii ummata bilisoomsu`uuf qabsoo godhuuti }jechu kan waan taariikhaa kan qabso`orratti isaan gargaaru keessatti argatan inni biyya soomale`eti jira .

ammoo eegan bara sadii azhariin wajji biyya soomaale`etti dalagee warra mangistii soomaale`eetin wajji dalaguttin ida`ame yookaa seene sababaa lamaaf jecha .

tokkoffaan : damoozni azhar naa kennu xiqqaadha wanni natti xiqqeessaniif biyya tiya keessan jiraa yaadan akka isaan yaadanitti an gosa tiyya keessa qubadheetan gaalafii ra`ee horii qabaa hangi naa kennan naaf gaya jechuu . haa tayuu an nam tokkollee hin beekhuu waan isaan ni qabaa yaadan hin qabu .

lammaffaan : mangistiin soomaale`ee nama mangistii alarraa horii nyaatu ija hamtu`uun yookaa yaada hama`aan laalti .

saddaffaan : mangistii alaa wajji dalaga`aa waan biyyaa dubbatuun hin dandayamu an wannin biyya soomale`ee dhufeef waan biyyaa dalagu`uufii duuba dantaa tanaa jechan azhariin wajji dalaguu dhiisee mangistii soomaale`eetin wajji dalaguu barbaadee akkasitti soomaalen na fudhatte . akkan mana barmoota soomaale`eetif kitaaban afaan arabaatifii diin namaa barsiisu tolchuudhafan maddabame .

AFAAN KEENYA RAADIYOO MAQDISHO`OO SEENSISUU

Duuba kanuman dalagaa mangistii somaale`ee oofu sun mana barmootatiif allafu`uu waan ummata oromo`ootif tolu dalagu`urraa gad hin teenye warri maqdisho`oo afaan keenya kana hin beekanii hoggaa nuti afaan akaan dubata`aa karaa yaanu amaara nuu je`anii nu arrabsan warri hargiisaa kan afaan keenya kana afaan beekhu afaan qottu`uu je`eeti yaama nus qottu je`eeti yaama namni hedduun afaan kanaan dubbatuu sodaata akka joolle`eefii warri waan beyne amaara je`ee isa hin arrabsineef jecha an hogga`an warra misraatin wajji dalaguu dhiisu bu`ro`orraa ka`eetan maqdishoo dhaqe hogga`an dhaqu tuuta yookaa dhaaba dantaa ummata bal`aadhatiif dhaabbate tan { adda soomaalee galbeed } je`amtuttin ida`amee itti gaafatamaa dardaraatifii beekkomsaa ammallee labsaa na godhan duuba achirraan waanan itti gaafatamu kana dalaga`arra oolchu`uu hidhadhe waanin itti gaafatamurraa tokko beekkomsa beekkomsi afaan hin tayu tanaaf jecha beekkomsi afaan ummata bal`aadha tiin tayuun waan irraa hafiinsi hin jirre . tanaafan afaan keenya kana raadiyoona seensisuu barbaadu`uuf iyyata barreessee mootummaa soomale`erraa afaan keenya raadiyoo maqdisho`oo nuu seensisuu barbaade akkan waan beekkomsa taye ummata keenyaa dabarsu duuba irraa argadhee raadiyoona maqdisho`orraa afaan arabaatifii afaan oromo`ootin waan diinifii taariikhatti rarra`u hunda dabarsuu ture bara 1965 1984 .

BARBAADA TAARIIKHATIIF

BIYYA ARABAA DHAQUU

 Eegasii ergaa taariikhaa tan akka arabni biyya gaafa afrika`aa itti seene . ammallee gaafam seenan ammallee karaa kamiin seenan jechaa laaltun wajji filame sanii jecha biyya yaman iraaq kuweyti su`uudii dhaqee eega dalagaa ergamneef sanirraa raw`adhee maqdisho`otti hin deebinee su`uudii keessatti hafee afaan arabaatifii afaan oromo`ootin kitaabban dantaa oromo`oo qabu barreessuu itti fufe .

 WAANIN AFAAN OROMOOTIFII UMMATA OROMO`OOTIFII DALAGE

 Waaqni oromoo uume waan oromo`oo tolu hedduu na dalaysiise sanirraa afaan isaanii kanaaf yaaddayuu taariikha isaanitiif yaaddayuu waanan argee dhagayee barreessu`uun afaan oromo`ootin .

Gaafan biyya misratti waa baradhu taariikha oromoo jala deemee waan namni taariikha isaanirraa barreesse laalee kan dabsan qajeelchee kan dhoysan mul`isee barattoota oromo`oo  warra misra jiru itti kaasee akka taariikha isaanitiin dhaaddatan godhe .

Duuba ummata oromo`oo maqaa isaanii isaan fudhachiisu`uuf rakkoo guddo`on arge yoon warra taariikha ummata oromo`oo baruu barbaadun kitaabban warri addunya`aa katabe yookaa barreesse ummata keenya kana maqaa gaalla`aatin yaamaa achi jalatti maqaa oromo`ootifii  maqaa ormaa ilma ormaa katabanii yookaa barreessanii kun hundinuu maquma isaanitii kitaaba taariikha yookhaa jograafiyaa kan ormi addunya`aa barreesse laala`aa taariikha keessan baradhaa isaanin je`e gariin wanni je`u nuti islaamaa malee gaalla`aa miti oromo`oo sii miti je`a gariin nuti kiristaana malee gaalla`a miti je`a duuba wannin je`uun yoo maqaa gaalla`aa diddan taariikhuma keessanuu baru`uu hin deemtan maalif warri taariikhaa wanni irratti walii galee { oromo`oofii gaallan maqaa ummata keenyati jechu haa tayuu wanni isaan irratti wal dhaban maqaa lamaanirraa kamtu dura jechu` haa tayuu wanni irratti walii galan gaafa ummanni oromo`oo biyya gaafa afrika`aa hunda bulchuu ture . kan diina isaanitti akkaan roorrisuu turan maqaa gaalla`aatin beekkaman ammas gaafa diinni isaanii humna argatee akka hama`atti ummata keenyatti roorrisee maqaa gaalla`aatin beekkame gaalla shawaa gaalla sidaamoo gaallaa harar gaallaa itu`uu gaalla aruusi`ii gaalla walloo gaallaa wallagaa gaalla jimmaa . je`amaniiti beekkan orma addunya`aa biratti .

 NAMNI MAQAA GAALLA`AA JIBBU

TAARIIKHA IFII NI BARAA

 Sababaan : gariin ummata keenya maqaa gaalladhaa jibbuuf yaada warri isaan miidhe baasefii yaanni sun maal je`a yoo maqaan gaalla`aa kun maqaa oromo`oo tayuu turuudhan beekkame ummanni oromo`oo laalaa waan nuti isaan goonetu itti dhagayamaa maqaa gaalla`aa kana isaan haa jibbisiifnuu hanga oromoonni nuti gaalla`aa mitii warri biyya teenya keessatti dur miidhame gaalla`a malee oromo`oo miti namni oromoo miidhe kan dachii isaanii qabate hin jiruu yaadutti haa tayuu akka maqaan gaalla`aa maqaa oromo`oo tayuu ture waan diinni isaanii katabeefii waan namni biraa barreesserraa fudhatuun ni dandayama .

 Ammas akka maqaan ummataa heddommaatun waan rakkkoo fidu hin tayin beekuu qabna tanaaf jecha akka maqaan { gaalla } je`uufii maqaan { oromoo } yookaa { ilma orma } je`u maqaa orma keenyaa taye beekuu qabna haa tayuu yaroo garii maqaa gaalla`aatu mul`ata yaroo garii maqaa oromo`ootu mul`ata .

Maqaan ummataa jirjiiramuun aadaa ummata keenya qofa mitii aaduma ummata hundaati fakkeessa`aaf ummanni misraa dur fir`awna eegasii ajibt , takkaa qibxi eegasii  araba , duuba  sanumaan wajji taariikha isaanii kan maqaa ummata fir`awnatiin dur barreeffameen dhaaddatuu hin dhiifne lakkii taariikha keenyaa miti hin jenne akka ummata keenyatti hanga ummanni oromo`oo gariin maqaa ifii wallaalee takkaa warri isaan miidhe maqaa isaanii isaan jibbisiisee hanga yoo ati gaallaa takkaa ati oromoo jetteen si ajjeessu`uu sitti ceyu takkatti hanga ummanni keenya maqaa tokko kan yoo yaamamaniin owwaatan dhabanii maqaa gosaatifii maqaa dalaga`aatin namni isaan yaamu takkatti fakkeessa`aaf maqaa dalagaadhaa kan akka qottuu maqaa gosaa kan akka ituu arusii maccaa tuulama booranaa je`ee namni isaan yaamu takkatti maqaa guutuu ummataa walitti qabu dhabanii .

 Duuba maqaa gaalla`aa takkaa oromo`oo kan ummata keenya walitti qabu kana , ummata keenya fudhachiisu`uuf jecha tarkaanfii heddu`un fudhe biyya alaa keessatti keessattuu biyya soomaale`etti tarkaanfin duraa afaan kana raadiyoo maqdisho`oo akka naaf seensisan xalayaa mangistii soomaale`etti barreessee akkin je`een afaan gaalla`aa takkaa oromo`oo kun afaan , afaan soomaaleedharraa hiriiroo jabduu qabuu akka raadiyoo maqdishoodhaa nuu seensiftanan barbaada je`een duuba akkaataa itti mangistii soomaale`etti geessurraa wal gaafatu`uu jechan koree ummata keenyaa kan maqdishoo jirturra mala fidee garsiise hunu afaan gaalla`aa takkaa oromo`oo raadiyoona nuu seensisaa je`eetan mangistii soomaale`etti barreessee nama na wajji itti geessu naa godhaammas afaan gaalla`aatimoo afaan oromo`oo jenneeti barbaana je`een gaafa san warri koree san keessa jiru irra hedduun warra hararii warra magaala`aatii wanni je`een nuti { gaalla`aa } miti { oromo`ollee } mitii nuti islaamaa afaan qottu`uu je`ii itti geessi ammoo yoo gaallaa takkaa oromoo jettee dabarsiite manca`aan wal fin`aa beekhi naan je`en an gaafa san koree san keessatti itti gaafatamaa waayee dardaraatifii beekkomsaati isaan diduu hin dandeenye mala kore`eetinan dalagaa malee mala kiyya qofaa miti maalif hoggaa harka baasaa jennee harki laalamu kan afaan qotu`uu je`uutu irra heddummaate ammoo nuti warri maqaa afaan oromo`oo yookaa gaalla`aatin raadiyoo nuu naqaa jenna je`u ni injifatamne warra maqaa afaan qottu`uutin haa barbaanuu je`uutu nurra heddommaate .

 Duuba akkasittan xalayaa barbaadaa yookaa iyyataa kan afaan qottu`uu je`ee jechu`uun afaan xalayaanin barreefame kan koreen mure kan koreen murte san fuudhee qundaala yookaa abbaa waayee beysisaatifii raadiyoodhaati geessee wajji haasawee haasawa keessatti wanni naan je`e afaan kana yoo raadiyoo teenya galchine mangistiin ityoobiya`aa addunya`arratti nu khasaasti yookaa nu himatti dubbii biyya teenyaa keessa harka keessan jettee afaan kana raadiyoo seensisuun ityoophiyaa sossoosaa nan jennaan wannin je`een kiiniyaan afaan kana raadiyoo isaanii seensiftee jirti wanni seensisaniif gaafas warri kiinya`aatifii soomaalin enefdii keessatti wal dhawan waan warri gara kiiniya`aa jiru afaan oromo`oo beekhuf jecha wanni izaa`an dabarsitu ummata boorana`aa kan infidii taa`un soomaalen hargiisarraa boorana`arraa isin kaaftee jenuuba ifriikiya`atti isin galchu`uuf inifdi`itti isiniin looltii isin dhiiraa nitii eessatti dura oriitan dhaabbadhaa ifirraa deebisaa jetti izaa`an sun duuba wanni izaa`aa sun jerttu warra afaan kanaan dubbatu hunda mataa gara galchittii isii dura dhaabbatu`uu jecha raadiyoo teessan seensisuu qabdan yoo ityoobiyaan isin kasaftre takkaa isin himate nuti isinitti hin dubbannuu gara kiinya`aati achi dubbanna jettaniin je`een qundaalli raadiyo`oo gaafas { yuusuf aadam } booka`aati yaroo kam raadiyoonni kiiniya`aa afaan kanaan dubbii dabarsa naan je`e jennaan galgalarraa saa`aa torbatti je`een hoggaa san mataa raadiyo`oo kan { jaama` khalaf } je`amu yaamee afaan kana afaan qottu`uu je`ii guyya`arraa daqiiqaa kudhan raadiyoo keenya seensisi je`een akkasitti afaan kun daqiiqaa kudhaniin raadiyoona moqdisho`orraa bayuu jalaqabe .

 Duuba bara { 1965 } rraa qabee odoo ida`ama`aa deemu bara { 1984 } saa`aa guute gaafan isa seensiserraa qabee hanga bara 1983 yitti waa heddu`un ummata keenya dabarsuu turre .

Namni oromoo hin tayin afaan kana maqaa adda addaatin yaamuu ture tanaaf jecha gaafan dura afaan akan raadiyoona seensisu afaan qottu`uu jecha`aan yaamu`utti koriin namni oromoo hin tayin irra heddu`uu nu gidditee yookaa nu dirqite .

Duuba odoo barnaamija afaan qottu`uu jennee oofnuu namni kabbadaa gabree je`amu inni qondaala lolaa kan ityoobiya`aatii booqanna`aaf biyya soomaale`ee dhufee mataa soomaale`ee  { ziyaad barree } dubbisee afaan raadiyo`orra nuu dabarsitan kanarratti galatoomaa haa tayuu afaan kun afaan { qottu`uuti } mitii afaan gaalla`aati akka isinuu beytan je`een { kabbada gabree } kana shanyiin isaa gaalla`aaa duuba abbaan biyyaa { ziyaad barreen } xalayaa xiqqoo takka natti erge wanni xalayaa san keessatti barreeffame { itiz gaallaa not qottuu } jechu` akkana jechuun afaan kun afaan gaalla`aati je`ama malee afaan qottu`uuti miti jechuu isaati duuba achirraan barnaamija afaan gaalla`aa jechaadhan raadiyo`orraa dabarsuu jalqabe afaan qottu`uu dhiisee warri na dhaggeeffatu kan moqdishoo jiru hoggaa barnaamiga afaan gaalla`aa jechuu dhagayu sheekh mohammed rashaad gaallaa nu godhe nuti gaalla`aa miti islaamaa je`anii jirma natti guuratan ammoo an du`ullee homaa irran kaayanne duuba orma san hunda anumaatu irra aane maalif wannin raadiyoo keessaa dubadhu nama hedduu dubbii dhuga`aa fudhachiise tanaafan nama gaallaa gaafas jibbu bakka afurritti qoode akkan karaa raadiyoonattin je`e .

 kan oromoo diduu takkaayuu diinumaa                          

                                 takkaayuu galtu'uu tanaaf isaan moromaa

takkaa  nin  laalinii   taariikha    saanitii                            

                                  takkaa wahiif fedhaa baduu  isaanitii

ammas ummata gaalla`aa  yookaa oromo`oo akka maqa tokko kan yoo isaan yaamaman maqaa isaanii tayuu beekhanii hundi isaanii owwaatu godhu`uu jecha wannin je`e

yaa   ilmaan    oromoo    dubbii    too    dhagayaa

                                maqaafii afaanin harka  tokko     tayaa

namni      afaan    keetii     inni    shanyii    teetii

                                qoqqoteen gaafatin maali gosti     teeti

maqaa   gosaa dhiisaa   ka  dhiyoo    argamee

                                isa dur qabdhaa kan akkaan   baramee

bar    maqaan     durattii     isaawwali  qqabaa

                                gosa sabaa hundaa taariikhas ni qabaa

yoo  isin  wal  taatan   xiqqa'aafii    gudda' aanii

                                dhiirafii dhalaadhan walis    jaalattanii

baraa   nam  tokkolleen     isin    duran   bayuu

                                dhiirummaa teessanis namuu haa dhagayuu

 akkanattan maqaa gaalla`aa takkaa oromo`oo ummata fudhachiisu`uuf tattaafata godhe gaafa maqaan kun diina keenya biratti dhoowwama`aa haatayuu ummata keenya biratti maqaan gaalla`aa takkaa oromo`oo maqaa qottu`urra ni chaala ammoo diina biratti afaan kun raadiyo`orraa bayuun maqaa fedheen haa tayuu ni naasisa tanaaf jecha nu warra raadiyoo moqdisho`orraa afaan kanaan dubbatu nama nu ajjeesu nuti erganii ayyuub abuubakri nurraa ajjeessan ammoo kan naaf ergame odoo na bira hin gayin mangistiin soomaale`ee qabde ayuub abuu bakrii kun ituu { qaalluu } warra carcar naannoo baddeesa`aati . namni isa ajjeesse isweedinirraa bitamee akka ayuub ajjeessu biyya soomale`etti ergame mataa boolisii soomale`ee jeneraal muhammad abshir bira qubate inni jaala isaatii ayuubisa jaala mataa boollisii soomaale`eeti mana isaa dhaqee joollee isaan afaan injiliiz barsiisa duuba achitti nama haylasillaasan erge saniin wal baran duuba gaaf tokko asrii mana dhugaati`ii faranjichaan wajji seenanii eegas bahara dhaqanii huccuu babaafatanii bakka huccuu kaayu`uuf jaaramte kaayatanii namnicha haylasilaasen itti ergeen wajji bara seenan duuba bahara keessa waa xiqqo achi fagaatanii namichi faranji`ii sun bahara lixee ayyuubii bahara jiru luka isaa qabee bishaan bahara jala harkisa`aa bahara keessa faggeesse du`aa achitti dhiisee biraa baye yaroo lafti golgolooyte duuba faranjichi sun huccuu ayuub fuudhee mataa boolisaa soomaale`etti geessee halkanuma san qophaayee ganamaan xayyaaraa yabbatee biyya soomaale`eetii baye ammoo reeffa ayyuub baharri qarqaratti darbee mangistiin soomaale`ee fuutee mustashfaa { mana haakimaa } kan dikfer je`amu geessitee achii fuunee irratti salaannee awwaalle duuba abbaan isaa gumaa isaa barbaadaf biyya soomaalee dhufe akkuma obboleessi isaa rashiid abuu bakrii moqdishoo dhufee raadiyoona moqdisho`oo keessa bakka ayyuub dalaguu jalqabe qophee afaan gaalla`aa keessa .

ammas warri afaan kana dura dhaabbatu karaa biraatin mangistii soomaale`etti dhaqanii afaan gaalla`aa afaan kuffaaratii afaan islaamaa raadiyoona nuu naqaa je`aniin afaan islaama kan isaan je`an afaan adare`eefi duuba mangistiin soomale`ee warra beekkomsa afaan ityoophiyaa keessa jiru qabu walitti qabdee dubbii tanarraa gaafannaan deebisan isiin argatte warri afaan adere`eetin dubbatu afaan gaalla`aa yookaa oromo`oo yookaa qottu`uu ni beekaa zamanni afaan gaalla`aatii kennamis xiqqa`aa addaan qottu hin tayuu tanaaf jecha amma hin haajamsiisu jetteen mangistiin soomale`ee .

ammas warri afaan kana dura dhaabbatu kharaa biraatin natti ka`an sun waanin an dubbadhu dhaggeeffatanii yoo isaanii tayuu baate natti duulan maa kana jette maa kana jette je`anii . duuba afaan kun akkuma natti jaba`aa dhiirti afaan kanaa tumsitu na wajji dhaabbattee afaan kana du`uu dhoowwine . gaafa tokko wannin raadiyoona moqdisho`orraa dabarsee bara kum tokkootii jahaatamii torbatti { 1967 } haasawa dheeraa isa keessatti wannin je`e yaa ummata keenya rabbiin biyya gaarii isinii kenne afaan gaarii isinii kennee rabbiin lafa teessanirratti isin heddommeyse tun qananii guddo`oo kennaa bal`oo rabbii keessaniirraa qeebala`aa ittiin qanani`aa namni biraa isinirraa fudhatuu ittin dhiisinaa qabsoo godha`aa warra alaa dhufee waan rabbiin isinii kenne isin duraa nyaatu ifirraa deebisaa waa takka beekhaa waan ajaanibni biyya teenya jiruun warri biyyaa hin quufu maalif isin bara guutuu dalaga`aa baatan maallaqa xiqqa`aan isin harkaa dhadhawatatanii kan waan isin dhibbatti gurguratu`uu magaalaa geessitan kudhan isin isinirraa bitan watayanii kanneen meeshaa kudhaniin bitanii alaa fidan dhibbatti isinitti gurguratan. duuba waan warri akkanaa biyya teenya jiruun deenaggeen teenya hin guddattu waan diinaggeen teenya hin guddatiniin qabsoon isti`maaratii goonu bakkan geessu maalif ormi ajaaniba yookaa alagaa basaasa mangistii isti`maarati wanni akkana tayaniif mangistii isti`maaratiin wajji jiraatu`uutu mangistii warra biyyaatin wajji jiraatu`urra isaanii caala tanaaf jecha naggadaa biyya keessatiffi kan alallee waan ala ooftaniifii waan alaa fiddanillee ifumaa harkattti qabadhaadhaa ajaanibatti rakkisaa duuba ummanni oromo`oo hoggaa dubbi tana dhagayu kutaa biya isaanii hunda keessatti orma ajaanibaa warra buna bituu dhoowanii wanni itti rakkisan namni biyya bookhe`ee ta carcara keessa moqdisho`o dhufe tokko akki je`e magaalaa bookhe`ee keessa taajira adare`ee tokkootu jira kan tujjaara biyyaa buna bituu dhoowwe maalif nama buna fidu hunda dhiirti isaa kara`atti afaan baate dirqiidhan irraa buuftee waan tujjaarri biyyaa bituun caalchisee kennaaf duuba warri biyyaa wal tayeeti taajirticha ashkara meeqaatam qabu asan tumanii magaalaa isaanii keessaa baasan warri naannoo biraatis akkasitti nama alaga`aa if keessaa baasanii waan naggada taye hunda harkatti deeffatan warri biyya wanni balleesse nama afaan isaa hin beyne hundaan alagaa jechuu kan akka adareedhaa takkaa warra akka alagaadhatti ummata miidhu hundaan alagaa jechuu odoo warra biyyallee taatee .

 duuba duubbin tiyya orma adare`ee akka alaga`atti ummata biyyaa nyaatuu dhoowwinan dubbiin tiyya ummata oromo`oo dammeyinaan rakkatanii dardara nama saddeet gayu maqdisho`otti ergan bakkan irraa an dubbadhufti na cal`isiisu jecha duuba gal gala tokko mana kiyyatti jigan haatayuu an hoggaa san manan jiruu mana saahiba khiyyaa seenanii isa bira tattaa`an dhufa tiyya eegan duuba hogga`an dhufu saahibni kiyya sheekh muhammed saalih sa`iid na yaamee jara kanaatu si himataa waan isaan je`an irraa dhagu naan je`e jennaan dubbadhaa je`een duuba isaanirraa kan maqaa isaanitiin dubbatu akki je`e afaan arabaatin nuti dardara biyyaafii ummatarraa waan hamtuu deebisu ati raadiyoo keessaa waan ummata keenya miidhu dubbattee waan dubbatte san yoo kaaseeta`atti marte nu dhageessisi yoo xalaya`atti barreessite nurratti qara`i yookaa nuu dubbisi je`e jennaan wannin je`een kaaseetta`aafii xalayaa itti dhiisa`aa maali wanni isin raadiyo`orraa dhageessan jennaanin wanni je`e wanni ati jette waan alagaan yookaa waan tujjaari ajaaniba yookaa alaga`ara kan waan isin magaalaa geeffattan rakhishaan isinirraa bitee waan biyya alaa  nuu qaali`itti gurguru biyya teenya jiruun diinaggeen teenya hin guddatu qabsoon isti`maarri goonu bakkan geessu waan basaasa tayanii isti`maara yookaa cunqursaa wajji dhaabbatanii waan dantaan isaanii qursa`aan wajji jiraatun irra isaanif caaluf jecha jette je`e inni akkas jennaan sheekh muhammed saalih maaltu kanarraa isin aarse jennaanin ajnabii arrabsefa jennaan sheekh mohammed saalih akki je`ee si isin alaga`aa ajnabi`ii je`een jennaanin lakkii nuti warra biyyati waxaniyyiin je`an jennaan sheekh muhammed saalih akki je`een isin afaan oromo`oo hin beytanii yoo waa dhageessan nama afaan oromo`oo beekhu gaafadha odoo waa takka hin dalayne .

ammoo mangistiin ityoobiya`aa afaan kana raadiyoona soomaale`ee keessaa baassu`uu karaa hundaan itti if laaltee dadhabnaan raadiyoonaa harar afaan oromo`ootif bantee afaan duraan raadiyoona cabsaa je`anii raadiyoona addis ababa`aa naqu didan  jecha raadiyoona hararirra gad lakkisa.

Kutaa tokkoffa`aa asitti dhume

 

          Dr : Mohammed rashaad kabiir abdullee

                            Kabiir muummayyaa

 

 filadhu :
kh_rashad2004@hotmail.com