بسم الله الرحمن الرحيم
DUREE
Eegan
maqaa Rabbi waa hunda uumee tooyatuun jalqabee
faaruu isaa itti aansee ergamaa isaa
Muhammadiifii , aalii isaatii ammallee asaabaa
isaanirratti rahmataatifii nagayaa boosee .
Wannin je`u kitaabni
kun kitaaba gabaabaa waan baratuun nama
hundarratti jiru walitti namaa qabu tawhiidafii
, faqhiidhafii waan biraa kan akka dilii human
qaama namaa dubbatu`uu inni mazhaba
imamishaafi`iidharratti kaayame maqaan kitaaba
kanaa mukhtasara Abdullaahi hararii .al kaafili
bi ilmiddiiniddaruurii .
Namni dhuga`aan diin
isaa qajeelfatu , kan ibaadaa isaa eeggatu , kan
adaba islaamaa tiyfatu kitaaba kana baree
barsiisu`urraa hafiinsi hin jiru
Namni kitaaba kana
afaan arabaatin allafe takkaayuu barreesse
jiraachisaa sunna`aa tiysaa ilmii hadiisaa mufti
islaamaa sheekh abdullaahi Muhammad kan abaabun
isaa banii sheyba`arraa banii abdiddaaritti
deebitu kan bitti isaa { harar } taati kan eega
shaam dhaqee suuriya`aafii lobnaanifii
turkiya`aafii biyyoota biraa keessatti
muftumma`aafii abbaa hadiisa tayuudhan beekkame
akkuma odoo biyyoota kana hin dhufin biyya isaa
kessatti mufti biyyaa tayuudhan beekkame Rabbiin
isaafii haadhaa abbaa isaatifii mu`mina hundaa
haa araaramuu
Duuba an kitaabani
isaa kun kitaaba gabaabaa faaydaa guddoo qaba
tayuu garraanan afaan { oromo`otti} tarjame
takkaayuu deebise akka ummanni oromo`oo kan
lakkooysan malyoona soddomii olii gaafa
afrika`aa kheessatti itti fayyadamuuf jecha
Wannin Rabbi
khadhaddu akkuma ummanni islaamaa kitaaba afaan
arabaa sanitti fayyadame ormi islaamaa kan
oromoootis kitaaba afaan isaanii kannatti
fayyadamuu akka sheekha keenyafii naafii warra
qara`uufii warra kitaaba kana bal`isulle`ee
sawaabni heddommaatu
Waanin nama kitaaba
kana qara`e takkaa dhagayerraa fedhu waan bade
yoo arge tolchee naafii haadha abbaa khiyyaafii
warra kitaaba kana katabu`utti sababaa taye
hundaaf du`aa`ii godhee araar Rabbirraa nu
bar`baadu`u .
Dr : Mahammad
Rashaad Kabiir Abdullee
Kabiir Muumayyaa
harar carcar
Kan barreessun