|
ijk
Bismillaahirrahgmaanirrahiim
اصحاب النبي
Asaabonni nabii nageenyi isarratti haa jiraatuu
ifaa qajeella`aati imaaman ilmi`iiti arjoota
kina`aati asaabonni diinaa islaamatiin guddaa
tan imaama isaanii nabi Muhammad jala deemu`uun
mul`atanii mooyanii mandarummaa ul`aantu gudduu
jaaran .
Darajaa asaabonni qabu jaatanii isaan godhan kan
aqiidaa islaamaa godhanirraa sheekhni hadiisaa
sheekh abdallaa hara nuu dubbataa itti
dhiyaadhaa .
Bismillaah
walhgamdi lillaah wassaalaa alaa sayyidinaa
rasuulillaa amanaa ba`du
Ergamaan rabbi Muhammad
Jamaa`an
asaabaa nabi muhammadii nageenyi isarratti haa
jiraatuu .
Ma`naan hadiisa kanaa : aqiidaa asaabonni khiyya
irratti deemuu turan qabadha waan isaan yaaduu
turan yaadaa aqiidaa isaanirraa hin maqinaa .
Asaabonni nabii aqiidaa takka qabaatuu turan
yaadaa takko yaaduu turan hundi isaanii aqiidaa
kheessatti wal hin dhabne .
Ammoo fiqhii kheessatti wal dhabanii jiran hin
dhibu maalif isaan waan firdii isi`ii heera
isi`ii qur`aana kheessatti takkaa hadiisa
kheessatti hin argin massa`alaa akkanaa
kheessatti ijtihaada yookaa mala baasan duuba
malli isaanii firdiin isaanii wal dabde kun waan
dhibuu miti eega nabiin du`e dubbii takkaatu
argame sun male .
Nama due`ee nama isa dhaalurraaakaakiyya`aafii
obboleeyyan isaa dhiise asaa bonni nabii heera
dhaala jara qur`aana kheessatti hin agarri
nabirraayis hin dhageenni tanaaf ,al`itti
dhaalchisan baasu`utti dirqama duuba mala baasan
keessatti wal dhaban .
Malli asaab abuukarrii rabbirraa haa jaalatuu
akaakiyyeen akka bba`aati isaatu dhaalan malee
obboleeyan hin dhaalan akkuma abbaan jiru
oboleeyyan hin dhaalle .
Ammo malle asaab aliyyii rabbi isarraa haa
jaalatuu akhaakhiyyi`ii fii obboleeyyan wajji
dhaalan je`e dhaala adda qodatan .
Ijtihaanni lachuu hamaa qabu abbaa fedhe male
abuu bakriiti qabata abbaan fedhe mala
aliyyi`itti qabate .
Ammo gama yaadatiin hundi isaanii aqiidaa
takarratti jiran .
Sun rabbiin argamaa kan waa takka hin fakkaanni
akkuma qur`aannii { laysa ka mislihii shay` un }
je`e akkaana jechuun rabbiin waan isa fakaatu
hin qabu .
Jechuu wanni jismii taye hundi rabbi hin
fakkaattu rabbilleen isii hin fakkaatu rabbiin
jismii ulfaattu hin fakkaatu ammallee jismiin
laxaafa saphloo hin fakkaatu rabbi nama
malaaykaa ruuhii nuuraa dukkana hin fakkaatu
ammallee jismii jajjabduu akka sibiila dhaga`aa
mukhaa jawaahiraa hin fakkaatu .
Rabbiin waa hunda dura jiraatuu ture .
Rabbiin zamanaafii makkanaa yookaa waan bakka
je`amu hunda dura jiraatu ture rabbi argamne
isaa jalqaba hin qabuu akkamiin zamanatti
qindaaya rabbiin bishaan arshii dachii , samii ,
jihaa jahan dura jiraatu ture bakka malee
eegasii aalama kana uume dura dursoo bishaan
uuma eegasii arshii uumee arshiin sirii qoodaa
miila qabdu .
Rabbiin bishaan sanirraa waa hunda uume bishaan
sanirraa ibidda nurallee uume rabbiin akka waan
inni uumetta waa kheessa hin taa`u gama yookaa
bakka kheessa hin taa`u ufaafii dukkamti bakka
qaban ifni guyyaa bakka qabate eegasii ifaan
deemeti dukkanti bakka isaa qabatti akkanatti
bakkatti wal daddatan .
Bakkeen ta makhluuqa yookaa waan uumameeti duuba
rabbiin waan uumame kheessa jiraata rabbiin odoo
khalqiin hin uumin bakka malee jiraatuu ture kun
aqiidaa yookaa yaada warra ahlussunna`aati kan
asaaban yaadu turan .
Akkasuma aqiidan asaaba`aa wanni isaan yaadan
waa hunda uuma isaatu waa hunda dhabmarraa
argamatti baasee .
Qaamni wanni rabbiin uumu waan furda`aaf waan
qal`aa hundaa rabumaa dhabamarraa argasiise
akkasuma dalagaan waan uumamamee waanuma rabbiin
uume dubbiin nuti dubbanne waanuma qaamni akkan
reefu je`e furda`aafii qal`aa qaba hunda isaanii
rabbiitu dhamarraa argamatti baase isaatu uume
jechuu .
Akkasuma dalagaa gabrootaa rabbiitu nu
kheessatti uuma .
Dubbiin takkoon keenya dubbatuun laalchi namni
waa laalu yaanni namni waa yaadun sussu`iinsi
cal`isuun namarraa waan birarraa argamu , waan
san hunda rabbiitu argamsiise isaatu uume nuti
odoo hin argamin hin mamin dubbatuu hin turre
sussu`uu cal`isuu hin turre eegasii rabbiin nu
uume dubbanne sossune cal`ifnee dalayne duuba
rabbiin akkuma qaama kheenya uume waan qaamni
kheenya dalagullee uume .
Rabbiin akki je`u {
الله خلق كل شئ } ma`naan isaa : rabbiin
qaamafii dalagaa qaamallee isaatu uuma nam
tokkkolleen kan waa takka uumu hin jiru ammas
as-haabonni wanni yaadu turan mu`minni rabbi
isaanii ni argan kan waa kheessa hin jirri kan
akkaataa itti argan hin beyne kan akka wanni
uume argamutti hin agarri wanni rabbiin uume
akki itti argan takkaa ifii olii takkaa gadii
takkaa mirga takkaa bitaa .
Mu`minni ija isaanitiin rabbi argan kan
akkanaafii akkanatti garree hin beyne kun mzhaba
ahlissunnadhatii kan asaabonni yaaduu eegasii
warri aqiidaa tana dilii dhufe warri as-haaba`aa
didu akki je`u rabbiin qaama kheenya uumee ammo
dalagaa teenya nutu uuma je`a warri kana yaadu
mu`tazilaa jarri kana yaadu shariika rabbiif
godhe kan rabbiin qaama uumaa dalagaa nutu uuma
je`an .
Rabbiin dalagaa namaa hunda isaatu uuma kheyrii
taatuu gaarii taatuu hamtuu taatuu .
Wanni hin je`amne rabbiin akkamitti waan hamtuu
dilii nama kheessatti uume irratti isa qixaaxa
hin je`amu dalagaan rabbi akka dalagaa namatti
hin laalamtu namni dalagaa rabbi akka dalagaa
namatti laale yookaa qiyaase kafare .
Rabbiin foon namaa nyaatu haraam namarratti
godhe ammo foon hori`ii nyaatuu halaal namaaf
godhe kanuma horiin waan ruuhii kan gorra`uun
laalatu sanumaan wajji foon isi`ii nyaatu halaal
namaa godhe duuba rabbiin dalagaa isaa tanarraa
hin gaafatamu maa kana haraam goote je`anii hin
gaafatan qur`aanni akki je`u {
لا يسأل عما يفعل
} rabbiin waan dalagurraa hin gaafatamu
maalif nama uumtee dilii kheessatti uumtee waan
ifii dalayderratti qixaaxa je`ee namni gaafatu
hin jiru .
Ammas jara bitatu dhufee yaada aqiidaa asaaba
nabii jala maqe jarri kun akki je`u rabbiin
samii kheessa jira je` hogiin arshi`irra je`e
jarri kun warra jalate waan rabbi wahitti
fakkeessaniif teessumti waan makhluuqati malee
waan khaaliqaatii miti teessumti waan
malaayka`aati kan namaati kan hasharaatati .
Teessumti waan walitti qabamerraa argama kan
hoggaa taa`u waan taa`aadhaa olii waan
taa`aadhaa gadii waa sadiyirraa walitti qabame
jechuu walitti qabame nama walitti qabutti
haajama sun waan rabbiin hin malle tanaaf
arshi`irra taa`an waan rabbiin hin malle .
Tanaaf jecha ulamaan ahlussnna`aa namni rabbiin
arshi`irra taa`a je`u kaafira je`an .
Imaamushaafi`iin kan bara { 204 } du`e akki
je`e namni rabbiin arshi`irra taa`aa yaade
kaafira je`e .
Imaamu ahmad ibnu hanbal akki je`e namni rabbi
qaama qaba je`e kaafira odoo akka qaama namaatii
mitillee je`ee kaafira maatummaa qama yookaa
jimii qaba jechu`uutin kafara .
Imam maalifkis akkasi .
Imaamni haniifas akkasi namni rabbiin iimii qaba
qaama qabaa samii kheessa taa`a takkaa
arshi`irra taa`a takkaa aalama kheessa olii gad
deddeema je`u rabbi hin beekhu .
Wanni nurra jiru kharaa ahlissunna`aa kharaa
asaabonni nabii irratti deemuu turan nama karaa
ahlissunnaa kan asaabonni nabii deemirraa maqe
irraa dhoowwama inni shiftaa kharaa haqaa muru
akkuma shiftaa kharaa ammaa muree dabruu nama
kutee horii namaa fidhatee takkaa nama ajjeesu
dalagaa isarraa isa dhoowun waajaa yookaa
dirqama namni shiftaan ajjeesse hin khasaare
khaarri inni shafii qabri`iifii guyyaa
qiyaama`allee azaaba jalaa nagaya baye .
Namni nama karaa asaabaa nabirraa gorsuu dhiise
dilaaye akkuma namni shiftaa gorsuu dhiise
dilaayu inumaa khanaatu irra waajiba namni
mu`mina kan roorro`oon ajjeefame warra
jannataati .
Tanaaf jecha jabaannee karaa haqatti nama yaamuu
kharaab haqaa kharaan haqaa kharaa
ahlissunna`aatii sun kharaa asaabotaafii warri
isaan booda dhufe moolinni islaamaa irratti
deeman qabatu`uutu nurratti jira sulxaana
salaahuddiinil`ayyuubin zamana isaa kitaaba
tokko akka ummanni baratuu ajajii jira wanni isa
kheessa jiru rabbiin mowjuudun rabbiin {
makaanan } bakkeen malee jiraatu ture eega
makaana uumee akkuma odoo makaana hin jirutti
jira waan bakka je`amu hunda dura jira
arshiidhafii wan birallee hunda dura jira eega
waa uume hin jirjiiramni .
Ammas kitaaba salaahuddiin san kheessa wanni
jiru { kalaamni rabbi } dubbiin rabbi akka
dubbii teenyatii miti dubbiin rabbi qubeedhafii
qooqanii miti maalif wanni sun hundi waan
rabbiin hin dubbiin rabbi akka dubbii teenyatu
miti dubbiin teenya adda ciccitti ni dubbanna ni
bal`ifna jalqaba qabna dhumuu qabna hundinni
hadisaa sifa qadiimitti rabbi waab guyyaa
kheessaa argamin hin wassafamu rabbiin
dubbateeti cal`is hin je`amu amma haqiiqaa
dubbii rabbi namni beekhu hin jiru .
Ammo aakhira`atti rabbiin namaafii jiinnii
dubbii isaa dhageessisa dubbiin saniin isaan
maraamara nama hunda waan isaan godde gaafatee
waan isaaf dhagyee zamana xiqqaa kheessatti
hisaabii fixa hanga saa`aa takkaa kheessatti
namaafii jinni waan hundarraa gaafatii kanaa
siin kenninee je`ee yaroo xiqqoo kheessatti
silaa odoo dubbiin isaa harfi`iifii qube`een
taatee jecha kuma dhibba meeqaatmitti yaroo
xiqqoo san kheessatti hin fixu tanaaf jecha
warri haqaa kanneen nurra dabran kan akka
sulxaan salaahuddiinil`ayyuubi`ii waan asaabonni
irratti deemanirraa rabbiin waa takka hin
fakkaatuu zaatafii haqiiqaa dalagaa isaatifii
sifa isaa kheessatti hin fakkaatu .
Tanaaf jecha wanni nurratti jiru aqiidaa
ahlissunna`aa jabaanee facaassu nama
bareebarsiisu karaa hundaa heddommeysu`uun .
Yaa rabbi waan ali nurraa jaalattu
dalagu`urratti nu gargaarri .
Ammallee sunnaa nabii kheetii jala deemun nu
qunnamsiisi .
Dhumarratti wannin rabbiif galata galchuu kan
kitaaba kan barreessu na qunnamsiisu
Dr / mohammed rashaad kabiir abdulle`ee
12/3/1430 h 8/3/2009
|