شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
aqiidaa nuuraaniya`aa
 

Asaabonni nabii aqiidaa takka qabaatuu turan yaadaa takko yaaduu turan hundi isaanii isaanii aqiidaa kheesatti wal hin dhabne .

 

 

 

 

 

 

 

 

kitaaba

aqiidaa nuuraaniya`aa 

   
 

ijk

Bismillaahirrahgmaanirrahiim

اصحاب النبي

Asaabonni nabii nageenyi isarratti haa jiraatuu ifaa qajeella`aati imaaman ilmi`iiti arjoota kina`aati asaabonni diinaa islaamatiin guddaa tan imaama isaanii nabi Muhammad jala deemu`uun mul`atanii mooyanii mandarummaa ul`aantu gudduu jaaran .

Darajaa asaabonni qabu jaatanii isaan godhan kan aqiidaa islaamaa godhanirraa sheekhni hadiisaa sheekh abdallaa hara nuu dubbataa itti dhiyaadhaa .

 Bismillaah walhgamdi lillaah wassaalaa alaa sayyidinaa rasuulillaa amanaa ba`du

Ergamaan rabbi Muhammad

 Jamaa`an asaabaa nabi muhammadii nageenyi isarratti haa jiraatuu .

Ma`naan hadiisa kanaa : aqiidaa asaabonni khiyya irratti deemuu turan qabadha waan isaan yaaduu turan yaadaa aqiidaa isaanirraa hin maqinaa .

Asaabonni nabii aqiidaa takka qabaatuu turan yaadaa takko yaaduu turan hundi isaanii aqiidaa kheessatti wal hin dhabne .

Ammoo fiqhii kheessatti wal dhabanii jiran hin dhibu maalif isaan waan firdii isi`ii heera isi`ii qur`aana kheessatti takkaa hadiisa kheessatti hin argin massa`alaa akkanaa kheessatti ijtihaada yookaa mala baasan duuba malli isaanii firdiin isaanii wal dabde kun waan dhibuu miti eega nabiin du`e dubbii takkaatu argame sun male .

Nama due`ee nama isa dhaalurraaakaakiyya`aafii obboleeyyan isaa dhiise asaa bonni nabii heera dhaala jara qur`aana kheessatti hin agarri nabirraayis hin dhageenni tanaaf ,al`itti dhaalchisan baasu`utti dirqama duuba mala baasan keessatti wal dhaban .

Malli asaab abuukarrii rabbirraa haa jaalatuu akaakiyyeen akka bba`aati isaatu dhaalan malee obboleeyan hin dhaalan akkuma abbaan jiru oboleeyyan hin dhaalle .

Ammo malle asaab aliyyii rabbi isarraa haa jaalatuu akhaakhiyyi`ii fii obboleeyyan wajji dhaalan je`e dhaala adda qodatan .

Ijtihaanni lachuu hamaa qabu abbaa fedhe male abuu bakriiti qabata abbaan fedhe mala aliyyi`itti qabate .

Ammo gama yaadatiin hundi isaanii aqiidaa takarratti jiran .

Sun rabbiin argamaa kan waa takka hin fakkaanni akkuma qur`aannii { laysa ka mislihii shay` un } je`e akkaana jechuun rabbiin waan isa fakaatu hin qabu .

Jechuu wanni jismii taye hundi rabbi hin fakkaattu rabbilleen isii hin fakkaatu rabbiin jismii ulfaattu hin fakkaatu ammallee jismiin laxaafa saphloo hin fakkaatu rabbi nama malaaykaa ruuhii nuuraa dukkana hin fakkaatu ammallee jismii jajjabduu akka sibiila dhaga`aa mukhaa jawaahiraa hin fakkaatu .

Rabbiin waa hunda dura jiraatuu ture .

Rabbiin zamanaafii makkanaa yookaa waan bakka je`amu hunda dura jiraatu ture rabbi argamne isaa jalqaba hin qabuu akkamiin zamanatti qindaaya rabbiin bishaan arshii dachii , samii , jihaa jahan dura jiraatu ture bakka malee eegasii aalama kana uume dura dursoo bishaan uuma eegasii arshii uumee arshiin sirii qoodaa miila qabdu .

Rabbiin bishaan sanirraa waa hunda uume bishaan sanirraa ibidda nurallee uume rabbiin akka waan inni uumetta waa kheessa hin taa`u gama yookaa bakka kheessa hin taa`u ufaafii dukkamti bakka qaban ifni guyyaa bakka qabate eegasii ifaan deemeti dukkanti bakka isaa qabatti akkanatti bakkatti wal daddatan .

Bakkeen ta makhluuqa yookaa waan uumameeti duuba rabbiin waan uumame kheessa jiraata rabbiin odoo khalqiin hin uumin bakka malee jiraatuu ture kun aqiidaa yookaa yaada warra ahlussunna`aati kan asaaban yaadu turan .

Akkasuma aqiidan asaaba`aa wanni isaan yaadan waa hunda uuma isaatu waa hunda dhabmarraa argamatti baasee .

Qaamni wanni rabbiin uumu waan furda`aaf waan qal`aa hundaa rabumaa dhabamarraa argasiise akkasuma dalagaan waan uumamamee waanuma rabbiin uume dubbiin nuti dubbanne waanuma qaamni akkan reefu je`e furda`aafii qal`aa qaba hunda isaanii rabbiitu dhamarraa argamatti baase isaatu uume jechuu .

Akkasuma dalagaa gabrootaa rabbiitu nu kheessatti uuma .

Dubbiin takkoon keenya dubbatuun laalchi namni waa laalu yaanni namni waa yaadun sussu`iinsi cal`isuun namarraa waan birarraa argamu , waan san hunda rabbiitu argamsiise isaatu uume nuti odoo hin argamin hin mamin dubbatuu hin turre sussu`uu cal`isuu hin turre eegasii rabbiin nu uume dubbanne sossune cal`ifnee dalayne duuba rabbiin akkuma qaama kheenya uume waan qaamni kheenya dalagullee uume .

Rabbiin akki je`u { الله خلق كل شئ  } ma`naan isaa : rabbiin qaamafii dalagaa qaamallee isaatu uuma nam tokkkolleen kan waa takka uumu hin jiru ammas as-haabonni wanni yaadu turan mu`minni rabbi isaanii ni argan kan waa kheessa hin jirri kan akkaataa itti argan hin beyne kan akka wanni uume argamutti hin agarri wanni rabbiin uume akki itti argan takkaa ifii olii takkaa gadii takkaa mirga takkaa bitaa .

Mu`minni ija isaanitiin rabbi argan kan akkanaafii akkanatti garree hin beyne kun mzhaba ahlissunnadhatii kan asaabonni yaaduu eegasii warri aqiidaa tana dilii dhufe warri as-haaba`aa didu akki je`u rabbiin qaama kheenya uumee ammo dalagaa teenya nutu uuma je`a warri kana yaadu mu`tazilaa jarri kana yaadu shariika rabbiif godhe kan rabbiin qaama uumaa dalagaa nutu uuma je`an .

Rabbiin dalagaa namaa hunda isaatu uuma kheyrii taatuu gaarii taatuu hamtuu taatuu .

Wanni hin je`amne rabbiin akkamitti waan hamtuu dilii nama kheessatti uume irratti isa qixaaxa hin je`amu dalagaan rabbi akka dalagaa namatti hin laalamtu namni dalagaa rabbi akka dalagaa namatti laale yookaa qiyaase kafare .

Rabbiin foon namaa nyaatu haraam namarratti godhe ammo foon hori`ii nyaatuu halaal namaaf godhe kanuma horiin waan ruuhii kan gorra`uun laalatu sanumaan wajji foon isi`ii nyaatu halaal namaa godhe duuba rabbiin dalagaa isaa tanarraa hin gaafatamu maa kana haraam goote je`anii hin gaafatan qur`aanni akki je`u { لا يسأل عما يفعل  } rabbiin waan dalagurraa hin gaafatamu maalif nama uumtee dilii kheessatti uumtee waan ifii dalayderratti qixaaxa je`ee namni gaafatu hin jiru .

Ammas jara bitatu dhufee yaada aqiidaa asaaba nabii jala maqe jarri kun akki je`u rabbiin samii kheessa jira je` hogiin arshi`irra je`e jarri kun warra jalate waan rabbi wahitti fakkeessaniif teessumti waan makhluuqati malee waan khaaliqaatii miti teessumti waan malaayka`aati kan namaati kan hasharaatati .

Teessumti waan walitti qabamerraa argama kan hoggaa taa`u waan taa`aadhaa olii waan taa`aadhaa gadii waa sadiyirraa walitti qabame jechuu walitti qabame nama walitti qabutti haajama sun waan rabbiin hin malle tanaaf arshi`irra taa`an waan rabbiin hin malle .

Tanaaf jecha ulamaan ahlussnna`aa namni rabbiin arshi`irra taa`a je`u kaafira je`an .

Imaamushaafi`iin kan bara { 204  } du`e akki je`e namni rabbiin arshi`irra taa`aa yaade kaafira je`e .

Imaamu ahmad ibnu hanbal akki je`e namni rabbi qaama qaba je`e kaafira odoo akka qaama namaatii mitillee je`ee kaafira maatummaa qama yookaa jimii qaba jechu`uutin kafara .

Imam maalifkis akkasi .

Imaamni haniifas akkasi namni rabbiin iimii qaba qaama qabaa samii kheessa taa`a takkaa arshi`irra taa`a takkaa aalama kheessa olii gad deddeema je`u rabbi hin beekhu .

Wanni nurra jiru kharaa ahlissunna`aa kharaa asaabonni nabii irratti deemuu turan nama karaa ahlissunnaa kan asaabonni nabii deemirraa maqe irraa dhoowwama inni shiftaa kharaa haqaa muru akkuma shiftaa kharaa ammaa muree dabruu nama kutee horii namaa fidhatee takkaa nama ajjeesu dalagaa isarraa isa dhoowun waajaa yookaa dirqama namni shiftaan ajjeesse hin khasaare khaarri inni shafii qabri`iifii guyyaa qiyaama`allee azaaba jalaa nagaya baye .

Namni nama karaa asaabaa nabirraa gorsuu dhiise dilaaye akkuma namni shiftaa gorsuu dhiise dilaayu inumaa khanaatu irra waajiba namni mu`mina kan roorro`oon ajjeefame warra jannataati .

Tanaaf jecha jabaannee karaa haqatti nama yaamuu kharaab haqaa kharaan haqaa kharaa ahlissunna`aatii sun kharaa asaabotaafii warri isaan booda dhufe moolinni islaamaa irratti deeman qabatu`uutu nurratti jira sulxaana salaahuddiinil`ayyuubin zamana isaa kitaaba tokko akka ummanni baratuu ajajii jira wanni isa kheessa jiru rabbiin mowjuudun rabbiin { makaanan } bakkeen malee jiraatu ture eega makaana uumee akkuma odoo makaana hin jirutti jira waan bakka je`amu hunda dura jira arshiidhafii wan birallee hunda dura jira eega waa uume hin jirjiiramni .

Ammas kitaaba salaahuddiin san kheessa wanni jiru { kalaamni rabbi } dubbiin rabbi akka dubbii teenyatii miti dubbiin rabbi qubeedhafii qooqanii miti maalif wanni sun hundi waan rabbiin hin dubbiin rabbi akka dubbii teenyatu miti dubbiin teenya adda ciccitti ni dubbanna ni bal`ifna jalqaba qabna dhumuu qabna hundinni hadisaa sifa qadiimitti rabbi waab guyyaa kheessaa argamin hin wassafamu rabbiin dubbateeti cal`is hin je`amu amma haqiiqaa dubbii rabbi namni beekhu hin jiru .

Ammo aakhira`atti rabbiin namaafii jiinnii dubbii isaa dhageessisa dubbiin saniin isaan maraamara nama hunda waan isaan godde gaafatee waan isaaf dhagyee zamana xiqqaa kheessatti hisaabii fixa hanga saa`aa takkaa kheessatti namaafii jinni waan hundarraa gaafatii kanaa siin kenninee je`ee yaroo xiqqoo kheessatti silaa odoo dubbiin isaa harfi`iifii qube`een taatee jecha kuma dhibba meeqaatmitti yaroo xiqqoo san kheessatti hin fixu tanaaf jecha warri haqaa kanneen nurra dabran kan akka sulxaan salaahuddiinil`ayyuubi`ii waan asaabonni irratti deemanirraa rabbiin waa takka hin fakkaatuu zaatafii haqiiqaa dalagaa isaatifii sifa isaa kheessatti hin fakkaatu .

Tanaaf jecha wanni nurratti jiru aqiidaa ahlissunna`aa jabaanee facaassu nama bareebarsiisu karaa hundaa heddommeysu`uun .

Yaa rabbi waan ali nurraa jaalattu dalagu`urratti nu gargaarri .

Ammallee sunnaa nabii kheetii jala deemun nu qunnamsiisi .

Dhumarratti wannin rabbiif galata galchuu kan kitaaba kan barreessu na qunnamsiisu

 

Dr /  mohammed rashaad kabiir abdulle`ee

12/3/1430 h   8/3/2009

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com